Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed Har’a Miseensoota Kaabinee Isaanii Ifatti Beeksiisan


Ministaroota miseensota kaabinee 28 keessaa 18 bakkuma jiranitti kan itti fufan yokaan hojii biraatti itti gaafatama wal fakkaataaf ka muudaman tahuun beekamee jira. Muudama kaabinee kana keessatti jijjiirraan guddaan akka hin mul’atiin ka dubbatan hoogganoonni paartiilee mormtootaa garuu, “jijjiirraa kaabinee otuu hin taane, gaaffii uummatni biyyattii dheessaa jiruuf ka deebii qabatamaa kennuu fi jijjiirama fidu, marii paartiilee hunda hirmaachise eegaa jirra” jedhu.

Tajaajiila kennamuu qabu hanqisuun uummata mufachisuunii fi gochaa malaammaaltummaa kan irra darbamuu hin dandeenye sarara diimaa tahuu hubachiisuun muudama kana mirkaneessina, jedhan Dr. Abiyyi.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed, eega itti-gaafatamaa hojii kanatti dhufanii, torban sadi’ii booda, taayitaatti muuduu fi taayitaa irraa kaasuu kaabine isa jalqabaa kana geggeessuu isaanii ti. Muummichi-ministaraa Abiyyi, miseensota paarlamaaf akka ibsanitti, muudaa fi taayitaa irraa kaasuun miseensota kaabinee kun, hojii gamaaggamaa mootummaa fi ADWUIn geggeessan irratti hundaa’uudhaan ka raaw’atame.

Sababaan lammataa immoo, hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuun barbaachisaa waan taheef tahuu dubbatan. Muuda ministaroota kaabinee isaanii kana ennaa raggaasisanitti, aangawoonni muudaman kun – yeroo hojii irra turanitti kan irra cehuun irra hin jirre sararri diimaan jiraachuu hubachiisanii jiran. Rakkoo tajaajila hojii fi malaammaltummaa.

“Kanneen irra cehuun hin danda’amne – dhimmoota ijoo tahan lama tu jira. Tokkoffaa, isa uummatni mootummaa irratti mufannaa dhiheessu – dhimma kenninsa tajaajilaa ilaalchisee, kenninsa tajaajila jijjiiruun dirqamaa fi sarara diimaa tahuun fedha. Uummatni tajaajila addaa hin gaafatu. Akka Warqee hafnuuf hin gaafatu. Waraqaa eenyummaa baafachuuf, horii dabalataa baasuu kan isa hin barbaachisne, firaa bilbilsiisuu kan hin barbaachisne - lammii biyyaa tahuu barbaada. Kana mirkaneessuu, kanneen mudaman irraas, kanneen taayitaa isaanii itti fufan irraas mootummaan ka barbaadu tahuu hubachiisuun fedha. Lammaffaan kan akka sarara diimaatti ilaalamu, wal-ijaaruun ka geggeessamuu fi otuu wal hin ijaariin ka geggeessamu – dhimma malaammaltummaa ti. Ofii keenyaa itti hirmaachuu dhabuu qofa otuu hin taane, haalawwan, yeroo, maallaqaa fi qabeenyaa barbadeessan kana irratti hordoffii cimaa geggeessamu hoogganuun dirqama tahauu hubachiisuun fedha” jedhan – Dr. Abiyyi.

Akka muudamaa fi jijjiirraa kanaatti,

- Obbo Shifarraw Shigguxee – ministara qonnaa fi qabeenyaa baayladaa,

- Obbo Siraaj Fageessaa – ministara geejjibaa,

- Dr. Hiruut W/Maariyaam – ministara dhimma hojjetootaa fi hawaasummaa,

- Ambaasadder Teshoomee Toogaa – ministara dhaabbatootaa misoomaa mootummaa,

- Obbo Umarr Huseen – sadarkaa ministaraatti, daarektara ol’aanaa abbaa-taayitaa galiiwwanii fi gumrukii,

- Aadde Ubaa Mohammed – ministara quunnamtii fi odeeffannoo,

- Dr. Ambaachew Mekonnin – Ministara Industrii,

- Obbo Mootummaa Maqaasaa – Ministara Ittisaa,

- Aadde Fooziyaa Amiin – Ministara Aadaa fi Tuuriizimii,

- Obbo Ahimed Shidee – Ministara Itti-gaafatamaa waajira dhimmoota koomiyunikeeshinii mootummaa,

- Obbo Shaanxiraar Abbaay – ministara misooma magaalaa fi manneenii,

- Obbo Mellesee Alamuu – Ministara Albuudaa fi Inerjii

- Obbo Birhaanuu Tseggaayee – Abbaa-alangaa muummicha,

- Aadde Yaalem Tseggaayee – ministara dubartootaa fi daa’immanii,

- Obbo Melaakuu Aallebel – Ministara daldalaa fi

- Dr. Amiir Amaan – ministara fayyaa ta’uun muudamanii jiran. -

Ministaroota digdamii saddeet keessaa 12 hojii isaanii duraan itti-fufuun isaanis beekamee jira. Walumaa-galatti, muummichi-ministaraa biyyattii, ministaroota ja’a iddoo isaanii jijjiiruun, ministaroota 10 immoo haarawa muuduudhaan, har’a mana-maree bakka-bu’ootaatti dhiheessanii raggaasisan.

Gama biraatiin, muummichi-ministaraa – Dr. Abiyyi Ahimed, itti-gaafatamtoota hojii mootummaa federaalaa sagal muuduu isaaniis maddeen-oduu mootummicha beeksisanii jiran.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Mummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed Har’a Miseensoota Kaabinee Isaanii Ifatti Beeksiisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:40 0:00

XS
SM
MD
LG