Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed Gondariin Daawwatan


Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed Staadiyeemii Gondaritti argamuun uummataaf haasaa dhageesisaniiru.

Fakkeenya tokkummaa fi hammayyummaa, bu’uura hammayyummaa walakkeessa jaarraa fi masaalaalii ol aanaa kan biyya keenyaa chaapaa aadaa fi hambaa seenaa keenya bareedaa, bareeddina Itiyoophiyaa ishee hammayyoomtee fi haadha ijoollee qaxalee kuusaa seenaa Itiyoophiaa fi dachii uummata boonaa ta’ee bu’uura har’aa keenya Gonderitti argamee ergaa dabarsuu dada’uu koof gammachuutu natti dhaga’ame ibsuun barbaada jedhan.

Muummichi ministeeraa Abiy itti aansuu dhaan Gonder seenaa Itiyoophiyaa keessatti qooda ol aanaa qabdi jedhanii mana mootummaa Atsee Faasil akka fakkeenyaatti tuquu dhaan illee ijoolleen ishee oguma ijaarsa isaaniitti fayydamanii bakka seena qabeessa isaan ol nuu kaa’an kanaan hanga yoonaa itti boonna jedhaniiru.

Gama biraan muummichi ministeeraa Abiy Gonderitti kan argamu hoteela Gohaa jedhamu keessatti qaama hawaasaa irraa lammiiwwan walitti dhufan waliin marii geggeessanii jiran.

Kanneen marii kana irratti hirmaatan keessaa miseensonni koree eenyummaa uummata Walqaayit kan keessatti argaman ennaa ta’u muummichi ministeerichaa wal ga’iin uummataa erga xumuramee booda miseenosta koree kanaa waliin dhuunfaatti wal arganii kan mari’atan ta’uu Iskindir Frew Finfinnee irraa gabaaseera.

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed Gondariin Daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:24 0:00

XS
SM
MD
LG