Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishinarri Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa Seenan


Koomishineera Tokkummaa Mootummootaa Damee Mirga Ilmaan Namaa, Zeid Ra’ad Al Hussein
Koomishineera Tokkummaa Mootummootaa Damee Mirga Ilmaan Namaa, Zeid Ra’ad Al Hussein

Tokkummaa mootummotaa keessatti komishiinara mirga dhala namaa ka ta’an Zeid Ra’ad Al Hussein Dilbata kaleessaa Itiyoophiyaa seenanii jiru.

Kunis afeerraa mootummaa biraa dhiyaateen ta’uun ibsamee jira.Zeid daw’annaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeessan Kanaan marii sadarkaa olaanaa gamtaan Afrikaa fi waajira mirga dhala namaa kan Tokkummaa mootummotaa giddutti gaggeeffamu irratti hirmatu.

Komishinarri olaanaan Zeid baatii Ebla bara 2017 Itiyoophiyaa daw’achuun mummicha ministeera biyyatti ka duraanii fi aangawoota sadarkaa olaanaa miseensoota hawaasa sivilii wajjiin hala kabajamuu mirga dhala namaa fi dameen waajiira isaanii kan gaanfa Afrikaa keessaa hojii gaggeessu irratti dubbatan.

Mootummaan Itiyoophiyaa gara jalqaba waggaa kanaatti Zeid Itiyoopiyaa seenuun waan bara darbee jalqaban akka itti fufaniif gaafate.

Guyyaa afuuruuf yeroo gamas turanti Zeid mummicha ministeeraa biyyatti Dr. Abiyyi Ahmad fi aangawoota sadarkaa olaanaa biyyatti wajjiin wal arguuf jiru.

XS
SM
MD
LG