Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Barattoota Amboo Nagaan Xumurame


Faayilii - Hiriira mormii barattootaa Amboo

Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa duraa lammataa fi qophaa’ina Amboo kanneen hidhaman haa hiikaman labsiin yeroo hatattamaa nu irraa haa ka’u jechuu dhaan har’a daandiitti ba’uun hiriira mormii geggeessuu isaanii jiraattonni magaalattii nuuf ibsaniiru.

Barattoonni kun gaaffii isaanii waajjiraalee godina poolisii fi kan bulchiinsa godinaatti ka dhiyeeffatan yoo ta’u gaaffii keenyaaf yeroo dhiyootti deebii barbaanna jedhan.

Bulchiinsichis gaaffii isaanii qaama ol aanutti kan dabarsuuf ta’uu itti himuu isaa dubbatu jiraattonni kun.

Hiriirri kun labsiin yeroo muddamaa jiraatus rakkoo tokko malee xumuramuu isaa jiraattonni magaalaa Amboo nuuf ibsaniiru.

Hiriirri Mormii Barattoota Amboo Nagaan Xumurame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:54 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG