Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Yunivarsitii Amboo Har’a Hiriira Bahan


Faayilii - Barattootii yuniversitii Har-Maayaa fi Amboo rakkoo Oromiyaan keessa jirtuuf barumsa dhaamne jedhan
Faayilii - Barattootii yuniversitii Har-Maayaa fi Amboo rakkoo Oromiyaan keessa jirtuuf barumsa dhaamne jedhan

Yunivarsitii Amboo, moooraa isa guddicha keessatti har’a barattoonni hiriira bahuudhaan, “eega labsiin yeroo muddamaa labsamee booda, barattoota hedduu humnoota komaand-poostiin hidhaman hidhaman” jedhaman akka hiikaman, akkasumas, labsiin yeroo muddamaa akka biyyatti irraa kaasamuu gaafatanii jiran. Akka barattoonni jedhanitti, akkuma hiriirichi jalqabametti, humni federaalaa mooraa yunivaristichaa keessa buufatee jiru itti bobba’uudhaan gaazii imimmaansu itti dhukaase. Barattoonni hedduun baqatanii mooraa gad-lakkisanii bahuu ka dubbatan, barattoonnni, “barattoonni humnoota sanaan reebamanillee ni jiran” jedhu.

Dhugumatti hiriirichi geggeessamuu ka mirkaneessan, prezidaantii itti-aantuun Yunivarsitichaa, Sister Muluu Kitaataa, gaaffiilee barattoonni dhiheessaa keessaa ijoon, waa’ee hiikamuu barattoota hiriyyoota isaanii fi kaasamuu labsii yeroo muddamaa tahuu dubbatan. Gaaffiilee barattootaa kana irratti hundaa’uudhaan, haala barattoota hidhaman jedhaman sana adda-baafachuuf waajjira komaand-pootiitti bilbiluu isaanii dubbatu. “Barattoonni sun wabiidhaan akka hiikaman kaleessa murtaa’ee jira. Kanaaf har’uma hiikamuu malan” deebii jedhu argachuu isaanii illee dubbatanii jiran.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Barattoonni Yunivarsitii Amboo Har’a Hiriira Bahan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:46 0:00

XS
SM
MD
LG