Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Kooriyaa Kaabaa Gameessi Ameerikaa Daawwataa Jiran


Ministriin dhimma alaa US Mike Pompeo tarii marii ji’a dhuftu hoogganaa kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un fi prezidaant Doonaald Traamp gidduutti geggeessamuu malu irratti angawaa kooriyaa kaabaa waliin har’a NY keessatti marii itti dabalaa geggeessuuf jiru.

Traamp tuuta oduuf ibsa kennaniin mariin Pompep fi Kim Yong Chol waliin geggeessame garii akka tureef mariin Kim Jong Un waliin Singaapoor keessatti geggeessamuuf Waxabajjjii 12tti qabame itti fufa jedhanii kan abdatan ta’uu beeksisan.

Angawaan Kooriyaa Kaabaa kun xalayaa Kim Jong Un biraa ergame fiduuf jimaata borii gara Washingtonitti imaluuf jiru jedhan. xalayaan sun maal akka ta’e hubachuuf eegaa jiraachuu Traamp dubbataniiru.

Pompeon irbaata dhimma hojiiin wal qabate kaleessa biilsa waajjira haadhoo tokkumma mootummootaa cina jiru keessatti Kim Yon Chol waliin qooddachuu isaanii beeksisan.

Gumiin hoogganoota biyyoota lamaan gidduutti geggeessamuu malu dhimma nageenyaa fi badhaadhina dinagdee irratti fuuleffata jedhan.

XS
SM
MD
LG