Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namnii Siyaasaan Hidhame Dararaan Haga Lubbuun Darbuu Kan Irra Ga’u Ta’uus Gabrummaa Caala Hin Ulfaatu. Dargaggoo Hidhaa Ba’e


Namoota torban darbee gadhiifaman keessa harka caalaan dargaggoota. Afooshaa nannoo Bolee Bulbulaan wal qabatee waggaa lama dura kannen himataman namoota 33 keessaa dargaggoo Tolosaa Badhaadhaa tokko. Manni hidhaa Qilinxoo gubamuun wal qabatee himannaan lammataa irratti dabalame.

Turtii mana hidhaa kan waggaa lamaa keessatti mana hidhaa Maakalaawwii, Qilinxoo, Baatuu, Shawaa Robiit fi dhuma irrattis Qaallittiti hidhame.Qaallitti keessatti Oromoota waggaa dheeraaf hidhaa keessa jiran arguuf carraa aragatee jira.

Kanneen keessaa Injiinar Masfin Ababaa, Darguu Ittaanaa, Masfin Ittaanaa, Abbabaa Urgeessaa argee jira. Warra akka Kefyaaleew Tafarraa, Faqqadaa Abdisaa, charinat Yemane, Amanuuel Gammachuu fi kanneen biroo immoo seenaa isaanii nu ibsee jira.

Mana hidhaa shanan keessa ture keessatti lakkoofsii Oromoota Hidhaa keessa jiranii hedduu jedha.

Gaaffii fi deebii dargaggoo Tolosaa Badhaadhaa waliin gaggeeffame caqasaa.

Namnii Siyaasaan Hidhame Dararaan Haga Lubbuun Darbuu Kan Irra Ga’u Ta’uus Gabrummaa Caala Hin Ulfaatu. Dargaggoo Hidhaa Ba’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:19:12 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG