Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu Galaan Lammii Maalii Lubbuu Daa’ima Faransaay Tokkoo Baraare


Koolu Galaan Lammii Maalii Lubbuu Daa’ima Faransaay Tokkoo Baraare
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:11 0:00

Koolu Galaan Lammii Maalii Lubbuu Daa’ima Faransaay Tokkoo Baraare

Koolu galaan lammii Maalii Ferensaay keessa seeraan ala jiraatu daa’ima xiqqoo gamoo arfaffaa irraa kufuuf ture oolchee booda eeyamni biyya sana keessa jiraachuu raggaasisameefii jira.

Viidiyoon dargaggeessi waggaa 22 Mamoudou Gassama ennaa inni gamoo sanatti achii ol ba’uu fi namni ka biroon gamoo arfaffaa gam tokkoon ture hiixatee harka daa’ima Sanaa qabaa ture agarsiise.

Prezidaantiin Ferensaay Eanuel Macron koolu galaa dargaggeessa sana Wixata kaleessaa mana mootummaa Elyseetti simachuu dhaan galateeffatanii nama fakkeenya ta’u ittiin jedhan.

Mamoudou Gassama akka jedhanitti prezidaant Emmanuel na waliin dubbataniiru. Haala jireenya kootii naa fooyyessuu akkasumas hojii naa arguuf murteessaniiru.

Macron gootummaa isaaf meedaaliyaa badhaasanii lammuummaa Ferensaay kennuufii dhaan kutaa ittisa ibiddaa keessaa illee dalagaa akka argatu godhaniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG