Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caamsaa 20 Ilaalchisee Haasawa Obbo Lammaa fi Yaada Dhaaba Mormituu


Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa, Kabajaa Caamsaa 20 bara 2018 irratti oggaa haasaha godhan
Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa, Kabajaa Caamsaa 20 bara 2018 irratti oggaa haasaha godhan

Prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa, Caamsaa 20 jechuun ayyana waggaa 27ffaa ADUIn mootummaa Dargii kuffisuun taayitaa itti qabate ilaalchisuudhaan, kaleessa Galma Abbaa Gadaa ka magaalaa Adaamaa jiru keessatti miseensota dhaabichaa fi uummata kaan walitti qabameef haasawa dhageessisanii turan. Haasawa isaanii keessatti hojiiwwan jajjaboo hojjenne – jedhan, kan akka dirree siyasaa bal’isuuf jecha hidhamtoota kuma kurna hedduu gad-lakkisuu, lammiwwan biyyattii ala jiran ol galchuu, dhaabota Oromoo waliin hojjechuuf waamicha gochuu dabalee dhimmoota adda adda kaasuun dubbatanii jiran. Haasawa isaanii kana dhaabonni mormituu akamitti ilaalan? Koongiresa Federaawa Oromootti itti-gaafatamaa dhimma dargaggootaa fi quunnamtii uummataa – Obbo Addisuu Bullaallaa haasofsiisnee jirra.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa.

Caamsaa 20 Ilaalchisee Haasawa Obbo Lammaa fi Yaada Dhaaba Mormituu
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:25 0:00
Kuutaa 2ffaa: Caamsaa 20 Ilaalchisee Haasawa Obbo Lammaa fi Yaada Dhaaba Mormituu
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:22 0:00

XS
SM
MD
LG