Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dhiifama Kan Godheef Namoonni Kummi Torbaa Ol Gad Dhiifamuuf Jiru: Biiroo Haqaa Oromiyaa


Obbo Taayyee Dand'aa, biiroo haqaa oromiyaatti abbaa adeemsa hojii dhimmootii kominikeeshinii
Obbo Taayyee Dand'aa, biiroo haqaa oromiyaatti abbaa adeemsa hojii dhimmootii kominikeeshinii

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Caamsaa 24 hidhamtoota kuma torbaa oliif dhiifama gochuun akka gad dhiisaman beeksisee jira.

Prezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dhiifama kana ilaalchisee OBNf ibsa kennaniin jiru. Biiroo haqaa oromiyaatti abbaa adeemsa hojii dhimmootii kominikeeshinii biiroo haqa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aa akka jedhanitti hidhamtoonni gad dhiisaman kanneen yakka goggogaan hidhamanii jedhan. Hidhamtoonni siyaasaa kan keessa hin jiraanne ta’uu isaanii illee eeraniiru.

Namoonni kuma torbaa ol dhiifamni godhameefi kunis battala kan gad dhiisaman utuu hin taane adeemsaan maqaan isaanii mana sirreessaa isaan keessa jiranitti ergamee kan gad dhiifaman ta’uu ibsanii jira.

Adeemsi namoota gad dhiisuu kunis yakki hojjetan qulqulleeffamee kan itti fufu ta’uu illee beeksisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dhiifama Kan Godheef Namoonni Kummi Torbaa Ol Gad Dhiifamuuf Jiru: Biiroo Haqaa Oromiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:22 0:00

XS
SM
MD
LG