Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Waa’ee Sudaan Kibbaa Irratti Dubbate Hin Milkoofne


Sudaan Kibbaa keessatti gareeleen wal waraan walii galtee nageenyaa duraan tolfame hojii irra akka oolchaniif dhiibbaa addunyaa bifa haaraan jalqabamee jira.

Kunis marii Finfinnee keessatti torban tokkoof gaggeessan irratti walii galtee tokko irra ga’u eega dadhabanii booda dhiibbaan kun bifa haaraan jalqabame.

Marii kana maanguddummaan kan gaggeesse IGAAD akka jedhutti kanneen walii galtee waggaa darbe tolfame cabsan irratti tarkaanfii adabaa fudhachuuf jira.

Gamtaan Afrikaa walgahiin kun ituu hin jalqabamin dura tarkaanfii wal fakkaataa akka fudhatu akeekkachiisee ture.

Garu lameenuu tarkaanfiin kun maal akka ta’u lafa hin keenye.

Jiloonni Amerikaa fi Briteen akka jedhanti biyyonni biroonis namoota dhunfaa fi gareelee walii galteen kun hojii irra akka hin ollee danqaa ta’an irra uggura kaa’uu qabu.

Ugguura kaa’uu fi kanneen itti gaafatamoo ta’an adabamuu qabu jedhu.

XS
SM
MD
LG