Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Nu Irratti Diigan Sharaa Diriirfannes Nu Irratti Guban: Jiraattota Ganda Maangoo Caffee

please wait

No media source currently available

0:00 0:00:30 0:00

Bakka Nefaas Silk Laaftoo Maangoo Caffee jedhamtti manneen jireenyaa 2000 ta’an diigamuu isaanii MEAD beeksisee jira.

Kanneen manni duraa diigames gochalee irra deddeebi’uun raawwatamutti aaruu isaanii dubbatan.

Bulchiinsi naannoo akka isaan gane illee dubbataniiru. Angawoota Finfinnees haa ta’u ka naannoo Sanaa irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jedha Meleskachew Amahaa Finfnee irraa.

Paartiin MEAD namoota miidhaan nu irra ga’e jedhan waliin ta’uu dhaan gaazexeessotaaf ibsa kenneen gocha raawwatame jedhame cimsee balaaleffateera.

Nefas Silk Laaftoo bakka Hannaa Maariyaam, maangoo caffee jedhamu qofaa manneen jireenyaa 2500 ta’an humnaan kan diigaman ta’uu ibsee jira. Bakki kunis abboota qabeenyaa 10 hin guunnee kennamaa jiraa jechuu dhaan MEAD gochi kun akka dhaabatu gaafateera.

Naannoo sana waggoota 10 oliif kan jiraataniif manni isaanii irra deddeebi’uun kan duraa diigame ibsa gaazexeessotaaf waajjira MEADtti kenname irratti kanneen argaman dubbataniiru.

0:00 0:06:31 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG