Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggummaa koon Akka Jaarsa Waggaa 80 suuta Tiradhuus, gatii Oromoon Kafale Anis Baasaan Jira.Urgeessaa Daammanaa


Urgeessaa Daammanaa
Urgeessaa Daammanaa

Magaalaa Amboo keessatti kutaa 6 barachaa ituu jiru dargaggoota kudha afur waliin yeroo jalqabaaf hidhamuu isaa kan dubbatu dargaggoo Urgeessaa Daammanaa Kumsaa yeroo sana umriin isaa himannaa irratti dhiyeessuuf kan seera irra ka’amee waggaa 18 waan hin gunneef jecha seera duratti iyuu hin dhiyaatiin waggaa afur hidhame. Sana booda himannaan ABO waliin hidhata qabdu jedhu irratti dhiyaatee waluumaa gala waggaa ja’a hidhamee ba’e.

Yeroo gabaabaa booda mormii Oromiyaa keessaa waliin wal qabatee yeroo lammataaf magaala Amboo keessaa qabamee gara maakalaawii tti eega geeffamee booda waggaa tokko eega hidhamee booda gadhiifame.

Marroo sadaffaaf kan qabamee moo bakka itti dheessee ture Finfinnee keessaa yoo ta’u hogganoota ABO waliin qunnamtii qabdaa jedhamee hidhaan waggaa afurii irratti murame.Waggaa Afur gutuuf baatileen xiqqoon lafa hafaniitti erga hikamee reef guyyaa lama.

Urgeessaan garu mirga uummata koofiin falmadha jechuun dhaddacha duratti falmaa ture.

Dararaa hamaa maakalaawwii keessatti irra ga’een dugdii isaa akka hamaatti akka isa dhukkubu akka kanaafis akka jaarsa umriin saddeettamaa suuta akka deemu akkasumas agartuun ija isaa fi dhageettiin gurra isaa rakkoo akka qabu dubbata.

Gaaffii Deebii Gaggeeffame Kutaa duraa Caqasaa

Dargaggummaa koon Akka Jaarsa Waggaa 80 suuta Tiradhuus, gatii Oromoon Kafale Anis Baasaan Jira.Urgeessaa Daammanaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:15 0:00

Gaaffii Deebii Gaggeeffame Kutaa lammataa Caqasaa

Kutaa 2ffaa: Dargaggummaa koon Akka Jaarsa Waggaa 80 suuta Tiradhuus, gatii Oromoon Kafale Anis Baasaan Jira.Urgeessaa Daammanaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:07 0:00

Dargaggoo Urgeessaan "duuti hiriyaa koo Abdataa Olaansa nagadiisiiseera" jedha. Bara 2016 yeero Abdataa Olaansaa mana hidhaa Maakalaawii keessatti baatii jahaa hidhamee, booda du'an boqate gabaasa tamsaasnee turee caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:34 0:00

XS
SM
MD
LG