Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qonnaan Bulaan Lafa Isaa Irraa Akka Buqa’u Dirqame Hin Jiru: Bulchaa Godina Shawaa Lixaa


Bakka buutonni qonnaan bultota 2000 aanaa Daannoo kan godina shawaa lixaa kun dachii keenya irraa buqqaafamne jechuun himatan. Kanneen qe’ee ofii irraa buqa’an keessaa namni Said alii jedhaman VOAf akka ibsanitti erga walakkeessa bara 1990mootaa qabee achi jiraataa turuu isaanii ibsan.

Obbo Said akka jedhanitti bulchiinsi aanaa lafa isaan qotataa turan hanga tokko nu irraa fudhate, jiraattota naannoo waliin illee qixa ilaalamaa hin jirru jedhan. dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa garuu qonnaan bulaan qe’ee ofii irraa buqa’e hin jiru jedhan.

Bulchaan goidna shawaa lixaa obbo Maashoo Olaanaa akka jedhanitti lafa seeraan ala qabatan qofaa akka gad dhiisan itti himame malee kan isaan seeraan irra qubatan akka gad dhiisan hin dirqamne jedhaniiru.

Lammiiwwan Oromoo ta’anis kan Amaaraa martinuu lammii biyyaa ti, kan ajaji akkasii isaan ga’es lammiiwwanuma mara malee kan Amaaraa addatti baafamanii miidhaan irra ga’e hin jiru jedhan.

Qonnaan Bulaan Lafa Isaa Irraa Akka Buqa’u Dirqame Hin Jiru: Bulchaa Godina Shawaa Lixaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:29 0:00

XS
SM
MD
LG