Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naanno Somaalee Irraa Kanneen Buqqa’an Waadaan Nuu Seename Waan Guunne Jedhu


Naanno Somaalee Irraa Kanneen Buqqa’an Waadaan Nuu Seename Waan Guunne Jedhu

Naannoo somaalee irraa buqa’anii kanneen magaalaa Bishooftuu keessa qubatanii jiran, mootummaan ka duraan waadaa nuu seene kiraa manaaf ji’atti kan nuu baasu addaan cite waan jedheef yeroo ammaa rakkoo keessa jirra jedhu. bakka qubannu dhabnee galma aadaa magaalattii keessa dahannus poolisiin achii tumee nu ari’ee yeroo ammaa dararmaa jirra jedhu.

Bakka bu’aa KFO obbo Addisuu Bullaalaa fi buqqaatota akkasumas itti gaafatamtuu waajjira kominikeeshinii magaalattii aadde Dirribee Girmaa dubbisnee jirra.

Obbo Addisuu fi buqqaatonni akka jedhanitti namoonni mana kireessaniif yeroon waan darbeef akka ba’an itti himan. Aadde Dirribeen akka jedhanitti garuu durumaanuu kan waadaan seenameef kisraa ji’a lamaa yoo ta’u amma immoo rakkoon isaanii ilaalamee kan ji’a lamaa itti dabalameeraaf jedhanii gara fuula duraattis haala rakkoon isaanii furamuun danda’amu irratti ni hojjetama jedhaniiru.

Tujube Kussa Today, 5:08 AM Tigist Geme Naanno Somaalee Irraa Kanneen Buqqa’an Waadaan Nuu Seename Waan Guunne Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:47 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG