Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaan Addaan Citee Akka Ba’an Muteeffamuus Harka Caalaan Hin Gadhiifamiin Jiru.Abukaatoo


Manni hidhaa Qilinxoo gaubachuu waliin wal qabatee namoota himataman soddomii saddeet turan. Kanneen keessaa soddomii afur hangi tokko walaba akka ba’an warri hafan harka caalaan immoo himannaan irratti dhiyaate addaan cite akka gadhiifaman eega murteeffamee torban lama guutuuf jedha.

Afur garu himannaan irratti dhiyaate ajjechaa waliin kan wal qabatuu waan ta’eef himatii irratti dhiyaate akka itti fufuu murteeffamee jira.

Maatiwwan himatamtootaa fi abukaatoon isaanii akka jedhanti kanneen hiikaman torba ykn saddeet hin caalan. Warri hafan 27 ykn 26 amma iyyuu hidhaa keessa kan jiran yoo ta’ u iddoo duraan keessatti hidhamanii turan Qilinxoo irraa gara mana hidhaa Baatuutti geeffaman jedhu.

Himatamtoota 38 keessaa soddomaaf abukaatoo kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa Manni hidhaa ajaja kennamee hojii irra oolchuu dhabuun immo seeraan ala jedhu.

Himannaan Addaan Citee Akka Ba’an Muteeffamuus Harka Caalaan Hin Gadhiifamiin Jiru.Abukaatoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:38 0:00

+

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG