Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi ministeera itiyoophiyaa Dr. Abiyy Ahmad Jijjirama Fiduu Danda’uu? Qorannaan Maal Jedha


Ethiopia's new prime minister Abiy Ahmed
Ethiopia's new prime minister Abiy Ahmed

Lammiwwan Itiyoophiyaa kanneen 100 keessaa harka 84 Dr Abiyy Ahmad filatamuu isaaniif gammaduu isaanii fi kanneen 100 keessaa harka 88 ta’an isaan biyyatti keessatti jijjiirama argamsiisu jedhani amanan ta’uun ibsamee jira.

Qorannaa kana kan gaggeesse Waas Intarnaashinaal ibsa baaseen lammiwwan Itiyoophiyaa irra-jireessi Dr. Abiyy filatamuu isaaniin gammaduu fi jijjirama fidu jedhanii kan amamnan ta’u mirkaneesseen jira jedha.

Qorannaan kun magaalaalee Adaamaa Bahiir Daar Dirree Dawaa Hawaasaa Jigjigaa Maqalee Dasee Gondar Jimma Naqamtee fi Dabre Biraan keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u namoota 1505 irratti hirmaate.

Dhiroota caalaa Dubartoonni Dr. Abiyy jijjirama argamsiisan irratti abdii kan qaban yoo ta’u kanneen umrii adda addaa keessa jiran martinuu Dr. Abiyyi irratti abdii qabu jedha qorannaan gaggeeffame.

Waas Intarnaashinaal eega hundeeffamee waggaa 38 ta’eera.Dhaabatootii qorannoo sadarkaa addunyaatti gaggeessan waliin kan hojjatu ta’uun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG