Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Andaargaachoo Tsigee Dabalatee Namoonni 500 Har’a Gadhiifaman


Obbo Andaargaachoon har’a gadhiifamanii gara mana abba isaanti yeroo geeffaman simannaa uummataa ho’aatu isaan eege.Simannaa uummataa kan akkasii hin eegne jechuun kan dubbatan Obbo Andaargaachoon galmee barbaachisu mallatteessamee mana hidhaatti waan hin ergamiiniif kale Wiixata kaleessaa gadhiifamuu akkan qabu bulchiinsii mana hidhaa natti himeera jedhan.

Har’a garu waan ergameef ba’uu danda’een jira jedhu. Maatiin isaanii martii gammachuu itti dhaga’amee oduu gabaasaa keenyaaf ibsanii jiru. Namoonni kan biroon 500 ta’an har’a gadhiifamuu ibsamee jira.

Obbo Andaargaachoo Tsigee Dabalatee Namoonni 500 Har’a Gadhiifaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:55 0:00

XS
SM
MD
LG