Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barri Keessa Jirru Bara Garagalchoo Ta’e: Dr. Dabra-tsiyoon G/Mikaa’el


Sanbata dabre kana bulchiinsa naannoo Tigiraay magaalaa Maqalee keessatti uummatni naannoo lakkoobsaan heddummina qabu hiriira mormii bahee jira.

Haleellaalee gosatti qiyaafatanii geggeessamaa jiran jedhan mormuudhaan halellaan sab-lammiitti qiyaafate geggeessamu haa dhaabatu, Heerri mootummaa haa kabajamu dhaadannoolee jedhanii fi ka biroo dhageessisaa turan.

Itti-aanaa prezidaantiin bulchiinsa naannoo Tigiraay Dr. Dabra-tsiyoon G/Mikaa’el hiriiricha irratti haasawa dhageessisaniin, sagalee uummataa dhageessisuu hanqachuun gatii jabaa nama baasisa jechuu isaanii gabaafamee jira.

Hoggana uummata bulchuu hin dandeenye hoggana jijjiramaa jedhaa hoggana seeraanakkasumas nagaan biyya bulchaa ture immoo farra jijjiramaa jedhuun taargaa itti maxxansan jedhan Dr. Dabra Tsiyoon.Kanas iddootti deebisuuf qabsaa’uun barbaachisaa akka ta’e dubbatanii uummanni Tigraay eenyuun caalaatti gatii kan baase ta’uus waan silaa argachuu malee iyyu hin gaafanne jedhan.

Biyya keessattis ta’e naannoo daangaa irratti maddi rakkoo jiru tokko jedhamaa kan jiru yoo ta’u deemsii maraannaa akkasii yaada hundumaa miidhu waan ta’eef jecha uummata walitti buusaa aangoo isaanii mijeeffachuu kanneen yaalan seeraan akka gaafatamaniif kanneen nagaa fi misooma fedhan martii seera qabsisuu qabu jechuun itti aanaa prezidaantiin bulchiinsa nannoo Tiraay dubbachuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG