Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Mararaa Guddinaa Har’a Mana Murtiitti Dhiyaatanii Jiru


Dhimma Dr.Mararaa Guddinaa irratti ragaa Abbaa alangaa ta’uun namoonni har’a silaa dhiyaachuun irra ture lama hin dhiyaatin hafan.Kanaafis abbaan alangaa sababaan kenne jarreen argachuu hin dandeenyee akkasumas gara fuuladuraatti argachuu hin danda’uu kanaaf kanneen ammaan dura ragaa ba’an lamaan fi ragaa barreefamaa dhiyaate irratti hirkachuun murtiin akka kennamuuf gaafate.

Abukaatooleen Dr. Mararaa shanan har’a dhaddacha irratti kan argaman yoo ta’u yaada abbaan alangaa dhiyeesse kana fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti murtiin akka kennamuuf tole jedhan. Murtiin kennamuuf jiru ragaa Dr. Mararaa dhaggeeffachuu itti fufuu ykn bilisa jedhanii murteessuu akka ta’e ibsamee jira.

Maatii fi hiriyyoonni mana hidhaa Qilinxoo dhaquun Dr. Mararaa dubbisuu danda’an lakkofsaan xiqqaachuun rakkoo uumuu isaa kan ibsan abukaatoleen kana irratti manni murtii ajaja akka kennuuf gaafatan.Akka seera Itiyoophiyaatti abukaatoon himatamaa mana hidhaa seenee nama dhaabateef waliin wal arguuf mirga qaba jedha jedhu abukaatoota keessa tokko ka ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa.

Gabaasa guutuu caqasaa

Dr.Mararaa Guddinaa Har’a Mana Murtiitti Dhiyaatanii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:51 0:00

XS
SM
MD
LG