Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Imala Hojiif Gara Ferensaayitti Qajeelan


Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Biliinken
Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Biliinken

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, michummaa gam sadanii kan AUKUS jedhamu irratti argamuu dhaaf gara Ferensaayitti qajeelanii jiran. Imalli isaanii sun michummaa biyoota atlaantik gamaa hammaataa adeeme irratti fuuleffata.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, kan Ferensaay waliin michummaa dhuunfaa cimaa qaban Bilinken, imala kan hariiroo Yunaayitid Isteetisii fi Ferensaya gidduu jiru fooyyessuu yaaluuf itti fayyadamu jedhan.

Diplomaatiin gameessi Yunaayitid Isteetis kun gumii ministeerotaa kan jarmayaa wal ga’iinsa dinadee fi misoomaa geggeessuuf jiru. Wal ga’iin kunis Onkoloolessa 5-6tti kan geggeessamu yoo ta’u, hundeeffamuu waggaa 60ffaa dhaabichaa waliin wal irra oola.

Bilinken ministeera dhimma alaa Ferensaay Jean-Yves Le Drian waliin paaris keessatti mari’achuuf jiru. Ferensaay Amajjii 1 hanga Waxabajjii 30 bara 2022tti gumii gamtaa Awrooppaa prezidaantummaan hoogganuuf jirti.

Ministeerichi Blinken hariiroo Yunaayitid Isteetisii fi Ferensaay gidduu jiruu fi barbaachisaa ta’e dhimmootii naga eegumsa biyyoota naannoo paasifik, rakkoo jijjiirama qillensaa, dandammachiisa dinagdee kan weerarri COVID-19 fide, hariiroo biyyoota atlaantik gamaa fi michoota kanneen biroo waliin waa’ee rakkoo addunya amudatee fi carraawwan jiranii mari’achuuf jiru jechuu dhaan ministriin dhimma alaa ibsa jimaata darbe baaseen beeksiseera.

XS
SM
MD
LG