Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bookoo Haaraam Irra JIreessa Giddu Gala Kaaba Naayijieeriyaatti Babal’achuun Gabaasame


Faayilii - Namoota miseensa Bokoo haraam ta'uu shakkaman, to'annaa jala oolfaman, Naayjeeriyaa, 2018.
Faayilii - Namoota miseensa Bokoo haraam ta'uu shakkaman, to'annaa jala oolfaman, Naayjeeriyaa, 2018.

Lootee seentonni Bokoo Haraam jiraattota gandeen Naayijeeriyaa giddu kaleessa kaabaaf maallqa kennaniin mootummatti akka duulan dadammaqsuu dhaan hawaasaalee hedduu naannoo sanaa qabachuu isaanii mootummaan naannoo fi komiishinni odeeffannoo mootummaa Rooyitersitti himanii jiran.

Gareen Islaamummaa kun duraan kaaba gama bahaa biyyattii keessatti kan heddummaatan yoo ta’u, kutaa Nijeer naannoo magaalaa guddoo federaalaan wal daangessutti siquun, sochiin waraanaa kan farra shororkeessummaa hojii irra jiraachuu isaa beeksisaa ennaa jirutti, babal’achuun garee kanaa yaaddessaa ta’ee jira.

Kan Abujaa daangessu mootumaa naannoo Shiroroo kan naannoo kutaa Nijeriif dura taa’aa kan ta’an Suleiman Chukuba, akka jedhanitti loltoonni Bokoo Haraam yeroo ammaa yoo xiqqaate naannolee 25 keessa jiru.

Waraanni biyyattii baatii darbe akka jedhetti, loltoonni Bokoo Haraam 6,000 dhiyeenya harka kennan jechuu dhaan kunis tattaaffii farra lootee seentummaa waraanni geggeesse jedhee jira. Chukuban, mootummaan federaalaa lootee seentummaa kanatti duuluuf loltoota itti dabalaa gamasitti akka ergu gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG