Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagataan Barattootaaf Qophaa’e Hoogganoota Qilleensa Naannoo Kunuunsan Jajjabessa Jedhame


Los Anjeles keessatti kan jalqabame sagantaan barattootaa kan biqiltuu keemikaalli utuu itti hin makamin uumamaan qofa guddatu barsiisu Yunaayitid Isteetisii fi biyyoota ka biroo 26 wal ga’ee jira.

Biqiltuuwwan kan akka salaaxaa, raafuu fafakkaatan mana barnootaa Inglewood, Kaalifoorniyaa dhaabuun, ijoolleen biqiltuu dhaabuu akka baran gargaara.

“Duruu ijoolleen kun dhoqqee fi biyyoo garaagarummaa jiru baraniiru. Bilituu dhaabameef maal akka goonu akkasumas attamiin ennaa bilchaatu fuduraa fi kuduraalee oomishnu baraniiru. Kanaaf yeroo isaan itti gammadanii dha.

Biyyoon faallaa dhoqqee akkauma ta’e, lubbu qabeeyyii hedduun kan keessa jiraatan yoo ta’u, waan biqiltuuwwan guddisuuf gargaaru of keessaa qaba. Barattoonni kunis ilbiisaawwan biqiltuuwwan miidhan irraa dhorkuu ka danda’an ilbiisaawwan ka biroo illee adda baasuun itti gargaaramuu dhaan mala uumamaan biqiltuu guddisan baratu.

Sagantaan kun “Grades of Green” jedhamu manneen barnootaa ka biroo keessatti waggaa 12 dura jalqabame.

Sagataan Barattootaaf Qophaa’e Hoogganoota Qilleensa Naannoo Kunuunsan Jajjabessa Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:52 0:00


Yaadawwan Ilaali (5)

XS
SM
MD
LG