Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Abiyyi Ahimed Waggaa Shan Itti Aanuuf Itiyoophiyaa Hoogganuuf Hirbuu Seenan


Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimed sirna Paarlaamaa biyyattii keessatti qophaahe irratti yeroo hirbuu seenan, Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2021
Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimed sirna Paarlaamaa biyyattii keessatti qophaahe irratti yeroo hirbuu seenan, Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2021

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed wal waraansi biyyattii waggaa tokkootti dhiyaataa ennaa jirutti waggaa shan itti aanuuf biyyattii geggeessuuf hirbuu seenan.

Paartiin Abiy badhaadhinni jalqaba waggaa kanaa filannoo qeeqi irratti dhiyaateef paartileen mormituu ennaa tokko dhiisanii keessaa ba’an, garuu taajjabdoota hanga tokkoon isa duraa irra akka gaariitti geggeessame jedhaniin filannoo paarlaamaa injifachuun labsamee jira.

Kan bara 2019 badhaasa Nobel badhaafaman Abiy, ennaa wal waraansi Tigraay naannolee biyyattii ka birootti babal’achuu, hookkarri gosoota gidduu lubbuu galaafachuu irraan kan ka’e, kanneen haala jiru to’atan mootummaan hacuucaan deebi’aa jira jedhanii akeekkachiisan kanatti rakkoonguddaan mudatee jira.

XS
SM
MD
LG