Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talibaan Maadhee ISIS Kan Kabuul Keessaa Mancaasuu Beeksise 


Talibaan konyaa Khorasaan keessaa barbadeessuu isaa Wxata har’aa beeksisee
Talibaan konyaa Khorasaan keessaa barbadeessuu isaa Wxata har’aa beeksisee

Kan Afgaanistaaniin bulchaa jiru Talibaan, humnoonni isaa nagaa eegisisan caasaa IS kan Kaabuul konyaa Khorasaan keessaa barbadeessuu isaaf finxaaleyyii gamasii mara ajjeesuu isaa wixata har’aa beeksisee jira.

Weerarri halkan edaa kan dhaga’ame, masjiida magaalaa galma mootummaa keessa jiru Eid Gah cinatti dilbata kaleessaa dho’e siiviloota lammiiwwan Afgaanistan saddeet galaafatee yoo xiqqaate 20 madeessee booda.

Haleellaa masjiida irratti raawwatame sanaaf duula inni IS irratti geggeesseen ta’uu Talibanis haa ta’u ka biroon itti gaafatama fudhate hin jiru.

“Maadheen Daa’esh guutummaan barbadaa’ee, miseensonni Daa’esh kanneen achi turanis duula murteessaa fi milkaa’e kan humnoonni addaa Taliban geggeessaniin ajjeefaman” jechuu dhaan dubbi himaan Taliban Zabihullaah Mujaahid beeksisaniiru.

Jiraattonni Kaabul walitti bu’iinsi hamaan naannoo Khaa’irk-haanaatti geggeessamuu isaa mirkaneessuu dhaan, halkan guutuu dhukaasaa fi dhukaasa qawwee hedduu dhaga’uu isaanii dubbatan.ISIS kan Taliban jedhe kana irratti yaada hin kennine.

XS
SM
MD
LG