Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya Kufe Kan Jeneraala Qabu Irra, Biyya Cimaa Ajajaa Kudhanii Qabu Wayya: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed


Muumichi ministeera Itiyoophiyaa haarawaa fi ajajaan waraana walii galaa Dr. Abiy Ahimed generaalotaa fi angawoota waraana gameeyyii waliin mariin geggeessan kan dhiyeenya ministeerota isaanii waliin geggeessan waliin ka wal fakkaatu ture.

Minsiteerr ittisaa Mootummaa Maqaasaa ajajaawwan waraana duruu turan kan akka general Samooraa Yuunus, obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi kanneen biroon sirna kana irratti argamaniiru.

Raayyaan waraanaa loogii siyaasaa irraa kan qulqullaa’e, hoogganoonni yoo jijjiiramanis cimee kan dhaabate ta’uu akka qabu Dr. Abiy ibsaniiru.

H/Maariyaam ka’ee Abiy ennaa dhufu akan waraana ajaja fudhachuu danda’uuf itti fufu yoo ta’e madaqoo dha jechuu dha.

IHADEG hojii siyaasaa hojjechuu dadhabee dhibaa’umma ofiin yoo kufe, waraana hooggana uummati filate waliin itti fufu ta’uu qaba.

Waraana isa dhufu waliin dhufee darbu yoo ta’e kasaaraa dha.

Akkas ta’uu baannaan jeeqama keessa seenna kan jedhan muummichi minsiteera Abiy kunis akka waaltaa tokkotti waraana akka nama dhuunfaatti immoo tokkoon tokkoon keenya miidha jedhan.

Biyya kufte keessatti jeneraalli kabajaa qabu jiraachuu hin danda’u. biyyi kufe jeneraala kabaju hin qabu jedhaniiru. Biyya kufe kan jeneraala qabu irra, biyya cimaa ajajaa kudhanii qabu wayya jedhan muummichi minsiteeraa Ahmed.

Marii kana irratti dhimmootiin bal’inaan irratti mari’atame jiraachuu isaaniif qabiyyee akkamiis akka qaban gabaasi sabaa himaa mootummaa waan ibse hin qabu.

Biyya Kufe Kan Jeneraala Qabu Irra, Biyya Cimaa Ajajaa Kudhanii Qabu Wayya: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:59 0:00

XS
SM
MD
LG