Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Uummataa Furuuf Qabsoon Daran Cimee Itti Fufuu Qaba, Jedhu Aandaargaachoo Tsigee


Ka dheengadda hidhaa dhaa hiikaman, barreessaan Arbenyoochi-Gibot toorbaa, Obbo Aandaargaachoo Tsiggee, mariin muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimed waliin geggeessan baay’ee gaarii tahuu dubbatanii jiran.

Haala itti mana hidhaa turanii fi haala yeroo ammaa irratti, gababaasaa VOA – Melleskaachoo Ammahaa waliin kan haasawa godhan, Obbo Aandaargachoon, gara waggoota afurii dura, biyya Yemen, dirree xayyaaraa magaalaa Senhaa keessatti qabamuun isaanii, of eeggannoo jabaa gochuu hanqachuu irraa akka tahetti ka namoonni tokko tokko qeeqanitti walii-galan.

Eega Itiyoophiyaa galfamanii booda, eessatti akka hidhaman ennaa Melleskaachoof ibsan, “Waggaa tokkoo fi baatii tokko eessa akkan ture hin beeku. Harka humnoota tikaan turte. Mana viillaa of danda’e, kan foddaan isaa tokko buqqa’ee cufamee fi gara bantii isaa irraa dhagaan tokko keessaa buqqa’ee ifa galchu keessan ture. Ibsaas ni qaba. Mana sana keessatti namoonni tika-nagaa afur kanneen ofiis achuma jiraatan haala itti sa’atii 24 na eeganittan ture. Achii booda Qaallttiittan geessame. Waggoota sadii Qaallittiitan dabarse” jedhan. Hiikamuun isaanii, Mootummaan EHADEG, yeroo ammaa mormitootaaf balbala banee jira – jechuuf, malllattoo tokko akka tahetti kanneen yaadan ilaalchisanii ennaa dubbatan, “Walii-galatti dhikkisa onnee dhaabichaa fi maal akka itti dhaga’amu karaan itti qoradhu hin qabu. Garuu, qaamonni tokko tokko, karaa akkanaa deemuuf carraaqqii waan godhan natti fakkaata. Walumaa-galatti dhaabbatichi akka dhaabaatti hafuura kanaan kan guutamee, karaa kanaan kan deemuu? Isa jedhu waan ittiin siif mirkaneessu hin qabu,” jedhan.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Rakkoo Uummataa Furuuf Qabsoon Daran Cimee Itti Fufuu Qaba, Jedhu Aandaargaachoo Tsigee
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:24 0:00

XS
SM
MD
LG