Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin Filnnoo Itiyooopiyaa Caasaa Rakkoowwan Filannoo Waliin Wal Qabatan Ittisuuf Dandeessisu Diriirsuuf Karorfachuun Himame


Pireezdaantii Boordii Filannoo Itoophiyaa, Burtukaan Miidhaksaa(suuraa faayilii)
Pireezdaantii Boordii Filannoo Itoophiyaa, Burtukaan Miidhaksaa(suuraa faayilii)

Filannoo nagaa, walabaa fi haqaa biyyattii keessatti geggeessuf qaamonni dhimmi ilaallatu martinuu waliin akka hojjetan dura teessuun boordii biyyoolessaa yaadachiisaniiru.

Boordiin filannoo har’a Onkoloolessa 23 sambata darbe akka lakkobsa Itiyoopiyaa paartilee morkattootaa waliin marii geggeesseen, keessumaa paartileen hangi tokko haalli nageenya yeroo ammaa filannoo geggeessuu hin dandeessisu jechuun yaada dhiyeessaniif dursee walii galteen biyyoolessaa irra ga’amuu qaba yaadawwan jedhaniif dura teessuun boordichaa deebii kennaniiru.

Itti dabaluu dhaanis paartilee hanga tokko biraa rakkoo nageenyaa walii galaa ilaalchisee gaaffii ka’eef, dhuguma rakkoolee kanaaf furmaati akka barbaachisu eeranii, rakkoolee nageenyaa kallattiin filannoo waliin wal qabatan hiikuuf garuu, qaamni tokko sadarkaa biyyoolessaas ta’e, sadarkaa naannoleetti caasessuuf karoorri jiraachuu aadde Birtukaan Miideksaa ibsaniiru.

Sadarkaa biyyoolessaattis ta’e naannootti ta’uu danda’a. sadarkaa hundumaatti waltajjiiwwan walii galtee qopheessinu kan hoogganan itti gaafatamtoota waajjiraalee naannole kan ofii keenyaa ta’u. Akka naannoleetti immoo akkaataan ijaarama isaa maal ta’uu qaba? Hirmaattonnis eenyuun ta’uu qabu? Ka jedhu jira. Sababiin isaas akkaataa bulchiinsa seeraa ykn eegumsa nagaa sirnaa walii galaatti dabalee bakka maratti rakkoo sana furuuf kan gargaaran jiru. Bakka tokko tokkotti jaarsolii ta’uu danda’u, hoogganoota amantii ta’uu maluu, miseensota hawaasa sivilii ta’uu malu. Sana ilaaluu dhaan ulaagaa ofii isaa danda’een, miseensonni isaanii adda baafamu jechuu dha jedhan.

Yeroo ammaa biyyattii keessa rakkooleen siyaasaa furmaata hin argatin waan jiraiif boordichi dursee rakkoolee kana furuu qaba gaaffii jedhuuf aadde Birtukaan gaaffiin kun aangoo sirnaa kan boordii filannoo keessatti hiin haammatamu jedhanii, haa ta’u malee qopheen filannoo geggeessamaa utuu jiruu paartileen waltajjiilee sirnaa mara irratti mari’achuu akka qabanii fi barbaachisaa dha jedhan. waltajjii akkasii qindeessuuf garuu boordichi wal ta’iinsa kan agarsiisu ta’uu yaadachiisaniiru jedha Meleskachoo Ammahaa Finfinnee irraa.

XS
SM
MD
LG