Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen Diigaman Kan Seeraan Alaa Ti: Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee


Faayilii - Magaala Finfinnee
Faayilii - Magaala Finfinnee

Magaalaa Finfinnee Boolee Bulbulaa bakka Warra Ganuu jedhamu keessaa Caamsaa 10 bara 2008 qabee manneen jireenyaa diigaman durumaanuu ijaarsi isaa ka seeraan alaa waan ta’eef akka itti fufne mootummaan yeroo yeroo dhaan yaadachiisaa kan ture ta’uu itti gaafatamaan waajjirri bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi dhimmootii kaabinee obbo Asseggid Geetaachoo VOAf ibsaniiru.

Obbo Asseggid akka jedhanitti abbootii mana jireenyaa ta’uuf filmaati seeraa utuu jiruu manneen qoroqoroo dhaan darbee darbees laastikaan ijaaraman kun seeraan ala lafa qabachuuf weerara geggeeffamu.

Manneen kana kan ijaaran immoo irra hedduun dandeetii maallaqaa dhabanii kanneen rakkataniin miti jedhu. Bakka hedduutti ijaaranii seeraan ala axxaamuraan duroomuu kanneen barbaadan abbootiin qabeenyaa hagi tokko lafa qabachuuf jecha iddoo lama sadii qonnaan bulaa irraa bitanii beekaa namoota harka qalleeyyii keessa kaa’uu dhaan kan koo ti jedhanii akka dubbatan gochuu isaanii hubannee jirra. Kana immoo sirriitti adda baafnee jirra. Namoonni dhugumatti rakkoo hamaa keessatti kufan baay’ee xiqqoo dha jedhan.

VOAn dursee kan haasofsiiseef manni isaanii garee mana diiguun kan nu duraa diigame akka jedhanitti garuu kiraan manaa kan isaan rakkiseef nyaata guyyuu irraa hir’isanii manni isaan ijaarratan gara laafina tokko malee gireederii dhaan nu duraa diigame jedhu.

Obbo Asseggid namoonni akkasii haala kana keessa jiraachuu akka danda’an hin haalle. Kanneen akkasiif garuu mootummaan furmaata qoopheesseera jedhu. Rakkoo hamaa keessa kan jiru daandii irratti kufuu kan malu, dhuguma mana jireenyaa dhabee rakkate kan ijaare jiraannaan mootummaan furmaata qopheesseera.

Namoonni kun daandii irratti akka hin kufne, maatii isaanii qabatanii rakkoo hamaaf akka hin saaxilamne qubsuma ijaaree keessa jiraachisa. Kana irraa kan hafe lammii seeraan ala socho’u keessummeessuun rakkisaa waan ta’eef gara fuula duraattis mala kana cimsinee itti fufna jedhan.

Magaalaa Finfinnee keessumaa andaara magaalattii bakka adda addaatti ijaarsi seeraan alaa geggeessamaa jira jedhamuu dhaan diiguun erga jalqabamee waggoota lakkoofsiiseera. Tarkaanfii fudhatamuunis miidhaan ga’uun ni yaadatama.

Gochaaleen akkasii ennaa irra deddeebi’u bulchiinsi magaalaa qorannaa irratti hundaa’uu dhaan furmaata waarisna qabu maaliif kennuu dadhabe gaaffiin jedhu dhiyaateefii obbo Asseggid akka jedhanitti isa kanaaf furmaata wariinsa qabu fiduuf hojii hedduu hojjetaa jirra jedhan.

Akkuman jedhe magaalattii dhaaf ragaa lafaa qindoomina qabu qopheessaafii jirra. Ragaan sun ennaa xumuramu manneen magaalattii keessa jiran lafti magaalattii keessa jiru adda baafamee akka beekamu godha.

Hamma sanatti garuu namaan eegisisna. Kana immoo yeroo hundumaa eeguu hin dandeessu. Sababiin isaas ganda qonnaan bulaa dhaqanii halkan weeraruu dhaan qoroqorroo fi muka qopheessanii ijaaranii bulu waan ta’eef jedhan.

Boolee Bulbulaa Warra Ganuu keessatti ijaarsi seeraan alaa geggeessame jechuu dhaan Caamsaa 10 bara 2008 qabee kan geggeessame duula mana diiguu irratti rakkoo hamaan akka ture kanneen manni nu duraa diigame jedhan VOAf ibsaniiru.

Dhukaasi dhaga’amaa akka tureef ambulaansii hedduun namoota madaa’an deddeebisaa akka ture ibsaniiru. itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa mgaalaa fi dhimmootii Kaabinee obbo Asseggid Geetaachoo garuu ragaa of harkaa qaba jedhaniin kun kijiba.

Tokkoffaa walitti bu’iinsa waanti jedhame hin jiru. Nuti hubannee galle. Yeroo sanatti garuu namoonni sochii sirrii hin taane agarsiisan yoo jiraatan jennee humna poolisii bobbaafnee jirra. Haa ta’u malee walitti bu’iinsa tokko malee ti hojiin diiguu kun kan hojjetame. Kana irraa kan hafe akka ragaa nuti qabnutti namni du’e haa hafuu, kan madaa’e iyyuu hin jiru jedhan.

Naannoo Sanaa namoonni mana keenyatu nu duraa diigame jedhan akka jedhanitti Boolee Bulbulaa ganda Warra Ganuu keessaa mana jireenyaa abbaa warraa kuma 20 ta’utu diigame. Obbo Asseggid Geetaachoo garuu manneen jireenyaa diigaman kuma tokkoo fi dhibba lama qofa jedhan.

Manneen Diigaman Kan Seeraan Alaa Ti: Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:01 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG