Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buruundii Keessatti Uummanni Har’a Heera Biyyatti irratti Sagalee Kenne


Lammiwwan Burundii kanneen har’a sagalee kennuuf ba’an gaaffiin dhiyaateef heera bara 2005 ba’e ni fudhattu moo fudhatama dhabsiiftu kan jedhu.

Kunis prezidaantii biyyatti waggaa shanii hanga torbaa aangoo irra akka turan gochuuf fi biyyattiin aangoo mummicha ministeeraa akka qabaattu akkasumas seera tumaan filatamee seera fi heera biyyatti yoo cabse akka paartiin biyyatti bulchaa jiru aangoo irraa ari’uuf ehama kenna.

Kunis raggaasifamnaan jijjiramnii dhufu prezidaantiin biyyattii amma aangoo irra jiran marsaa biraaf akka dorgoman carraa kenna.

Nikurizizaan biyyatti erga bulchuu jalqabanii waggaa 13 kan guutan yoo ta’u baa’iin sagalee har’a kennamee sambata dhufu labsama.

Buruundii Keessatti Uummanni Har’a Heera Biyyatti irratti Sagalee Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:34 0:00

XS
SM
MD
LG