Xurree ittiin seenan

Breaking News

Cicha Qabaatanii Cimanii Hojjechuun Galma Ofiin Nama Ga’a: Dargaggoo Saamsoon Argoo


Dargaggoo Saamsoon Argoo
Dargaggoo Saamsoon Argoo

Keessummaan keenya har’aa dargaggoo Samsoo Argoo jedhama. As Yunaayitid Isteetis kutaa Saawuz Daakootaa Magalaa Sii Fools jedhamu keessa jirata.

Mana barnootaa sadarkaa lammataa seenee ennaa barnoota jalqabu umurii dargaggummaa keessa kan jiru, afaan Ingliffaa kan hin beekinii fi namni isa fakkaatu illee daree barnootaa isaa keessa akka hin jiraanne nuuf ibsee jira.

Bakka namni akka kiyya haala biyya kanaa nama hubachiisee daandii nama qabsiisu hin jirretti, cicha hin qabaanne taaneen rakkoo ta’uu illee dubbatee jira. Garuu galma ofii ga’uuf cimanii hojjennaan waan hin dhaqqabneef hin jiru jechuun illee dhaamsa dabarsee jira Samson.

Afaan Ingliffaa erga as dhufee baratus, jalqaba baatii kanaa garuu qabxii ol aanaa dhaan “South Dakota State University” irraa kan eebbifame yoo ta’u, barattoota bakka bu’uun illee guyyaa eebba isaa haasaa dhageessisee jira.

Cicha Qabaatanii Cimanii Hojjechuun Galma Ofiin Nama Ga’a: Dargaggoo Saamsoon Argoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:14 0:00


XS
SM
MD
LG