Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggertoonni Mootummaa Turkii Hokkarri Isaan Oofan Fudhtama Hin Qabu: Ministrii Dhimma alaa


Deggertoonni Mootummaa Turkii Hokkarri Isaan Oofan Fudhtama Hin Qabu: Ministrii Dhimma alaa
Deggertoonni Mootummaa Turkii Hokkarri Isaan Oofan Fudhtama Hin Qabu: Ministrii Dhimma alaa

Walitti bu’iinsa hookkaraan guutame kan Kibxata deggertoota prezidaantii Turkii Recep Tayyip Erdogan waliin ta’e ilaalchisee ministriin dhimma alaa US yaaddoo qabu jecha cimaa dhaan ibsee jira.

Angawoonni US hangi tokko abboota irree kanneen farra hiriirtota nagaa jechuun qeeqanii gochi isan mana jireenyaa ambaasaaddora turkii fuulleetti raawwatan seera walabummaan yaada ofii ibsuu kan Ameerikaa cabse jedhan.

Walabummaan yaada ofii ibsuuf hookkarri gonkumaa deebii hin ta’u, uummati kam iyyuu mirga inni walbummaan yaada isaa ibsuuf hiriira nagaa geggeessuuf qabu ni kabajna jechuu dhaan dubbi hiamaan ministrii dhimma alaa US Heather Nauert beeksianiiru.

Jecha cimaa danda’ameen yaaddoo keenya mootummaa Turkiif ibsinee jirra

XS
SM
MD
LG