Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haanga’oonii U.S dhaabanii biyya Raashaa Maalii keessa galuu isaa akka hin jaallane himan


Haanga’oonni waraanaa U.S Mootummaan Maalii waliigalteen dhaaba Raashaa Waaginer Guruup jedhamuu wajjin taasisaa jiru akka morman himaniiru.

Mootumaan yeroo biyya Maalii akka loltootaa mootummaa biyyatii fi Umnoota tikaa leenjisuuf Miseensotaa dhaabaa biyya Raashaa Waaginer guruup jedhamu 1000 ji’atti doolaraa miiliyoonii 10 fi qaxii 8 kafaluudhaan qacaaruun isaanii gabaasameera.

Dubbi himtuun ministeeraa Ittisaa Yunaayitid Isteets Siindii Kiing VOA ti akka himanitti gabaasin kun dhugaa taanaan rakkoo Maaliin yeroo ammaa keessa jirtu furuudhaaf yaalii hawasin adduunyaa gochaa jiru jeequudhaan tasgabbii biyyatii rakkina keessa kan galchuudha.

US yeroo ammaa gargaarsaa leenjii Motummaa Maaliff keenaa jirtti.

Biyyaa sochii shorokeesumaatiin jeeqamaa jrituu maalii keesaa waraan ishee 2000 kan bobbaaftee turte biyyi faransaay loltoota ishee dhiheenya kana baasuun ishee gabasaameeraa.

Mootumaan yeroo Maalii waligaltee dhaabbata raashaa kana wajjin taasifameera jedhamu kan akka haalaa jiru gabaasameera.

XS
SM
MD
LG