Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qondaallii Mootummaa Sudaan Kibbaa miidiyaa irratii dhaadatan


Paarlaamaa Sudaan Kibbaa (Suuraa faayilii)
Paarlaamaa Sudaan Kibbaa (Suuraa faayilii)

Yaadin haanga’aan mana maree mootummaa Sudaan Kibba tibbana kennan Mirga gaazexxeesota biyyatii kan ukaamsuudhaa jechuudhaan gareen mirga midiyaa Sudaan Kibbaa balaaleffateera.

Mana maree mootummaa sudaan kibbaati koree dhimma odeeffannoo nammi hoggananu, kan Paul Youane Boonjuu jedhaman, hojjattoonnii midiyaa biyyatti mindaa miseensota caffee biyyattii dabalatee baasii mana maree irratti, ittu mootummaan tole hin jedhin Yoo gabaasan eeyyamin hojii isaanii harkaa fudhatamuu qaba jedhaniiru.

Miseensonni garee miidiyaa biyyatti jechaa kan balaalffatan akka jedhaniitii yaadin Paul Youane Boonjuu, uummanii waa’ee mootumma odeeffanno akka hin arganne waan taasisuudha jechuudhaan qeeqaniiru.

Maayikil Duukuu daarekteerrii waldaa guddina midiyaa Sudaan Kibbaa dhimma kana irratti yaadaa kennaniin, miseensonnii mana maree, dhimma isaanii irratti gabaasa dhihaatu dhaabsisuu hin danda’anu jedhaniiru.

Sudaan kibbaa keessatii yeroo ammaa gaazexessoonni 3 hidhamanii buufannii raadiyoo tokko haanga’ota mootummaatiin cufameera.

Akka madaallii walabummaan preesii adduunyaa bara 2021 tti karaa walabummaa preesiitin biyyi Sudaan kibbaa biyyiittan 180 keessaa 139ffaa irratti argamti.

XS
SM
MD
LG