Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Busaa fi Eedsii Addunyaa Irraa


Faayilii - Laabraatoorii dhukkubni Eedsii itti qoratamu
Faayilii - Laabraatoorii dhukkubni Eedsii itti qoratamu

Jaarmayaan fayyaa addunyaa gabaasa isaa waggaa dhiyeenya kana baaseen dhukkuba Busaa gama ittisuun jijjiramnii jabaan argamuu isaa fi keessumaa sagantaan to’annaa dhukkubichaa ijoollee fi dubartoota ulfaa kanneen Afrikaa keessaa irratti bu’aa qubsaan argamuu beeksisee jira.

Garuu hanqiinni maallaqaa mudate hojii to’annaa dhukkuba Busaa kanaa danquu mala jechuun akeekkachise.

Gama kaaniin addunyaa irratti uummata vaayrasii HIV waliin jiraatan keessaa harka 40 kan ta’an vaayrasichi qaama isaanii keessa jiraachu hin beekan jedha Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa.

Meeshaan ittiin dhunfaan vaayrasiin HIV jiraachuu fi dhisuu isaa ittiin baran kun argamuun namoonni hedduun akka ofiin of qorataniif karaa bana jedhan daayreekterri walii galaa kan jaarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Margareet Chaan.

Gabaasaa Guutuu kana caqasaa dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG