Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dura-taa’aan Mana-maree Biyyoolessaa Sudaan Ertiraa Daawwatan 


Jeneraal Abdulfattah Al Buraan, waamicha prezidaantiin Ertiraa – Isaayyaas Afewarqii isaaniif dhiheesaniin, kaleessa daawwannaa guyyaa tokkoof Ertiraa dhufanii deebi’uu isaanii, tajaajilli oduu Ertiraa gabaasee jira.

Daawwannaa kana irratti hoogganoonni biyyoota lamaanii hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru sadarkaa maalii irra akka jiru gamaaggamuu isaanii fi gama dinagee, daldala, naga-eegumsaa fi humna waraanaatiin wal-gargaaruuf waliigalteen ammaan dura tolfatan akka hojii irra oolu, tarkaanfiilee fudhatamuu qaban irratti dubbatan – jedha – Oduun kun.

Nageenya godinaa sanaa mirkaneessuuf waliigalteen ammaan dura tolfame akka cimu, hojiin ammaan dura jalqabame akka itti fufullee mari’achuu isaaniis dabalee ibsee jira.

XS
SM
MD
LG