Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Gadaa Sagantaa Barnootaa Haaraa Ta’uun Finfinnee fi Oromiyaa Keessatti Barsiisamuu Jalqaba 


Hirmaattota Irreecha Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019
Hirmaattota Irreecha Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019

Oromoon sirna gadaa, sirna ittiin bulmaataa jaarraa hedduuf itti fayyadame sinra dimokraatawaa qabaachuun beekama. Sirni Gadaa sirna ittiin bulmaata Oromoo yoo ta’u siyaasni hawaasummaa fi dinagdeen Oromoo sirna ittiin murteeffamu, kan hawaasni Oromoo mirgaa fi dirqama isaa beekuu dhaan itiin walii galuu fi tokkummaa dhaan ittiin waliin jiraatu dha.

Sirni gadaa sirna dimokraatawaa akka ta’e Hayyoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessaniiru. Sirni kun uummata Oromomoo Gujii fi booranaa Biratti utuu adda hin kutin hanga ammaatti itti fufee jira.

Akkuma kanaan sirni gadaa dhaaba barnoota, saayinsii fi aadaa jajjabeessuu irratti fuuleffate UNESCO dhaan Sadasa 30 bara 2016 beekkannaa argachuun galmeeffame.

kan addunyaan beekkannaa kenneef sirna Gadaa akka sagantaa barnootaa tokkotti barsiisuu dhaaf biiroon barnoota Oromiyaa irratti hojjetaa turuu isaa beeksisee jira. Adeemsi sagantaa Barnoota Gadaa xumuramee barsiisuuf qophaa’uu isaa hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariiso nuuf ibsaniiru.

Sirni Gadaa Sagantaa Barnootaa Haaraa Ta’uun Finfinnee fi Oromiyaa Keessatti Barsiisamuu Jalqaba
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:54 0:00


Sirnumti Gadaa kun manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee keessattis barsiisamuuf qopheen xumuramuu isaa hoogganaan biiroo barnoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Zelalem Mulatu nuuf ibsanii jiran.

Barnoonni Gadaa Manneen Barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee Keessatti Kennamuufi
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:33 0:00


XS
SM
MD
LG