Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iyyata Godaantota Itoophiyaa Mana Hidhaa Sawudi Arabiyaa Jiranii fi Deebii Mootummaa


Godaantota Itoophiyaa mana hidhaa Sawudi Arabiyaa jiran
Godaantota Itoophiyaa mana hidhaa Sawudi Arabiyaa jiran

"Ji'a Jahaf, kutaa tokko keessatti nama 360 taanee hidhamnee jira"

Godaantonni Itoophiyaa weerara vaayrasii koronaatiin wal-qabate, gara ji’a jahaa dura humnoota Saawduii Arabiyaatin “biyyatti deebifamtan” jedhamanii mana hidhaatti galfaman rakkoo hamaa keessa jiraachuu himatan.

Iyyata Godaantota Itoophiyaa Mana Hidhaa Sawudi Arabiyaa Jiranii fi Deebii Mootummaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:30 0:00

Mana hidhaa Jizan jedhamu keessa jiraachu VOA-f an ibsan godaantonni Roobii darbe dubbisne akka jedhanitti haallii bakka jiranii hamaa ta’uurraa dhukkubaaf saaxilamuu fi kanneen biraa lubbuun darbe jiraachuu dubbatan.

Dargaggoon Oromiyaa irraa oggota jaha dura gara Yaman imaluu fi ji’oota jahaan dura humnoota Saawudii Arabiyaatiin naannoo daangaa biyyoota lamaanii irratti godaantota dhibban lakkaawwamn kaan wajjin qabamuu dubbatu fi amma mana hidhaa Sawudii jiru VOAf akka ibsetti mana tokko keessatti godaantoota 360 hidhamee jira. “Nyaataa fi dhugaatiin argannu gahaa miti,” an jedhu dargaggoon kun dabalees, sababa hanqina qilleensaa fi manni fincaaniis achuma bakka hidhaman keessa ta’uudhan wal-qabatee qulqullinni dhabamuun namoota baayyee dhukubaaf saaxiluu ibsa.

Lammiiwwan Itoophiyaa mana hidhaa godaantotaa Jazan keessa jiran
Lammiiwwan Itoophiyaa mana hidhaa godaantotaa Jazan keessa jiran

Viidiyoo akka agarsiisutti mana hiphaa keessaa dargaggoonni baayyen mudhiidhaa ol qullaa, marxoo ofirra godhanii tataa’an, kaan cisiisaniiru. Oo’i isaa akka malee ta’uu himatan. Dargaggoon biraan dubbise, ji’oota jahan darbaniif uffata akka in uffatinii dubbata.

Mana hidhaa kun sababa an godaantotaaf qophaahe ta’eefii an yakkamtootaa in ta’iniif bilibila fayyadamuun ni heyyamamaaf. Amma garuu, “erga odeeffannoon haala keessa jiruu midiyaaleen gabaafamuu jalqabee as bilbilallee nurraa guuruuf karorfameera,” jedhan godaantonni kun.

Dargaggoon dubbise lamaanuu hiriyoota isaanii manneen hidhaa walfakkaaan nannoo san jiran keessa jiran wajjin bilbilaan quba walqabaachaa turuu, kanneen keessaa dubartoonillee hedduu ta'uu dubbatu.

"Godaantonni kanaan dura hidhaman dafanii biyyatti galfamaa turan," an jedhan lamiileen Itoophiyaa kun dhimmi isaanii maalif yeroo dheeraa akka fudhate gaafii itti ta’uu ibsanii fedhiin isaanii guddan biyyatt deebifamuu akka ta’e jabeessanii himatan.

Minsitra Haajaa Alaa Itoophiyaa, Obboo Gadduu Andaargaachoo (Suuraa faayilii)
Minsitra Haajaa Alaa Itoophiyaa, Obboo Gadduu Andaargaachoo (Suuraa faayilii)

Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa dhimma godaantota Itoophiyaa Sawudi Arabiyaa jiraanii laalchise ibsa Kamisa Kaleessaa, jechuunis Fulbaana 3 baaseen, “ mootummaan hoomuu taanaan lammiiwwan ofii biyyoota alaa jiran galchuu didee in beekuu,” jedha. Bara kana ji’a Bitootessaa fi Caamsaa edduutti godaantota kuma 400 gara biyyaa deebiseeraa jedhee, Kunis an godhamu qajeelfamootaa fi human jiru iirratti hundahee ta’uu ibsa.

Hojiin godaantota gara biyyaa deebisuu, qaamotaa fi waajiraalee mootummaa dhimmi kun laallattu hundaan qindoominaan hojjatama an jedhu ibsi Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa kun godaantooni lammii Itoophiyaa ta’uu mirkaneessuudhaa qabee hojiiwwan godaantota gara biyyaa deebisuun dura hojjataman tarreessa.

Weerara vaayrasii koronaan walqabatees, hoggantoonni Sawudi lakkoofsi godaantota Itoophiyaa dangaa cehan dabalaa dhufuu nu beeksisaa jiran an jehdu ibsichi. Yeroo ammaa kanas Godaantota 2,000 ji’a fulbaanaa fi Onkoloolessaa biyyatti deebisuf karoorfamuu ibsuudhan, qarqaarsa mootumman Sawudii Arabiyaa godaantota kanaaf godhu galateeffata, ibsichi.

Mootumman Itoophiyaa kanneen seeran ala namoonni akka godaanan hojjatan, dalaalotaa fi yakkamtoota to’’achuu, akkasumas haala dangaa jabeessuu irratti hojii qubsaa akka in hojjannes jedha.

Kanumaan wal-qabtee itti aanaa pirezdaantiin bulchiinsa naannoo Tigray Dr. Debretsion Gebremikaa’’l dhalattoota Tigraay mana hidhaa Sawudi Arabiyaa jiran biyyatti deebisuf naannon isaanii fedhii qabachuu fi mootummaan Saudi hoo ergeef buufata Xiyyaaraa naannoo Tiraay jirutti simachuuf qophii ta’uu ibsuudhan xalayaa yeroo lama mootii Sawudiitif erguu fi amma ammatti deebi akka in argatiin naanichi beeksiseera.

Oduu

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG