Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Tigraay Fudhatama Hin Qabu: Mana Maree Federeshinii Itiyoophiyaa


Sambata dabree walgahii isaa kan gaggeessee manni marii Federeshinii Itiyoophiyaa murtii dabarseen bulchiinsii naannoo Tigraay seera baasuun, seera baaseen bordii filannoo hundeessuun heera biyyatti kan mormuu ta'u beeksisee jira.

Kana malees manni marii bulchiinsa naannoo Tigraay labsin waa'ee filannoo baasanii fi hojiin hojjatan heera biyyatti wajjiin waan wal faalleesuuf jecha, filannoon akka gaggeeffameetti hin laka'amuu, akka waan jiruutti kan hin lakka'amnee fi hojii irra oliinsas hin qabu jedheera.

Paartiin Demokraatawaa Raayyaa Raayyummaa, paartiin Demokraatawaa Tigraay fi koreen eenyummaa walqaayit xagadee Amaaraaf falmuun kan dhiyaate filannoo Tigraay keessaan wal qabatee dhiittaa mirga namoomaa bulchiinsii naannoo Tigraay geesisaa jira akkasumas mirga heeraan kenname sarbuun sirri akka hin ta'iin Fedreshiniin kun murteessee jira.

Murtii Dabree Mootummaan Hojii Irra Olchuu Qaba: Angawaa

Murtii manni marii Federeshinii Itiyoophiyaa waa'ee filannoo fi dhiittaa miraga namoomaa Tigraay ilaalchisee dabarsee qaamnii hojii rawwachiiftuun mootummaaa hojii irra olchuu qaba jechuun prezidaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xiruneeh kaleessa tuuta oduuf ibsanii jiru.

Gama kaaniin paartiin Raayyaa Raayyummaa, partii Demokratawaa Tigraay fi koreen eenyummaa walqaayit fi xagadee dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti dhaqqabu irratti murtiin hin kennamiin hafee jedhanii jiru

Kanaafis deebi'anii mana maree Federeshiniif iyyata isaanii kan dhiyeessuuf jiran ta'u beeksiisan.

XS
SM
MD
LG