Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazzexeessonni ONN Hojiii Isaanii Irratti Qabaman,  Jedhu Hoogganaan Dhaabbatichaa


Gaazzexessoonni Oromiyaa Niiwus Neetwoork yokaan ONN hojii irra osoo jiranii poolisii Finfinneen qabamanii hidhamuu hoogganaan dhaabbatichaa VOAtti himanii jiran.

Gaazexessoonni kunneen osoo sagantaa ayyanaa bara haaraa ka 2013 waraabaa jiranii qabaman, jedhan, hoji-gaggeessaan ONN obbo Sorsaa Dabalaa.

Dhimma hidhamuu gaazexeessitoota kanaa ilaalchisuun Komishinii Poolisii Finfinnee irraa deebii argachuuf carraqqii gooneyyuu haga ammaatti argachuu hin dandeenye.

Gaazexessitoonni hidhaman kunneen haga ammaatti mana murtiitti kan hin dhihaatiin tahuus, Obbo Sorsaa dubbatanii jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Gaazzexeessonni ONN Hojiii Isaanii Irratti Qabaman,  Jedhu Hoogganaan Dhaabbatichaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:04 0:00


Yaadawwan Ilaali (8)

XS
SM
MD
LG