Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duulli Filannoo Walakkeessa Marsaa Kan Ameerikaa Muddamsuun Guute


Filannoon walakkeessa marsaa US ga’uuf yeroon torban lamaa gadii hafee wayita jiru kanatti sodaa fi shakkiin duula filannoo geggeessamaa jiru irraan dhiibbaa kaa’ee jira. Kunis kan ta’e erga boombiin maramee domokraatota beekamoo hedduutti ergamee booda.

Siyaasa biyyattii duruu addaan qoodamee jiru daran muddamsuun guutee jira. Gabaasa

Prezidaant Doonaald Traamp duula geggeessaniin uummati akka tasgabbaa’u gaafataniiru. Gareen martinuu nagaa fi walii galteen walitti dhufuu qabna. Kana gochuu ni dandeenya jedhan.

Haa ta’u malee Traamp oduu dabaa himaa irratti tamsaasame ergaa twiteer irratti maxxansaniin kan balaaleffatan wayita gareelee siyaasaa lamaan biraa haalli muddamaan mul’ataa jirutti.

Kanneen siyaasa keessatti hirmaatan mormituu isaanii siyaasaa akka sammuun dadhabaa ta’etti yaaduu dhiisuu qabu. sana dhaabuu qabna jedhan.

Demokraatonnis gama isaaniin Tramp muddamni siyaasaa akka hammaatu kan tuqatan isaani jechuun balaaleffatan. Bulchaan magaalaa New York Bill de Blassio akka jedhanitti Yeroon kun biyya keenyaaf yeroo hamaa dha. Yeroo itti uummanni jibbiinsi itti dhaga’amu, waan amma ta’aa jiru immoo soda jiru hammeessaa adeema jedhan.

Traamp duula walakkeessa marsaaf geggeessaniin paartiin dimorkaatotaa amananii aangoo itti kennuuf akkaan leellistoota ta’aniiru. Imaammati isaanii finxaalessa ta’e maatii fi biyya keessaniif balaa hamaa dha jedhan.

XS
SM
MD
LG