Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoonni Bulchiinsa Naannoo Beneshaangul Keessatti Hafan Maal Keessa Jiru ? Warri Daangaa Irra Qubatee Woo?


Rakkoo bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuuz keessatti uumamee lubbuu namaa galaafachuun hedduu jireenya isaanii irraa godaansisuun gabaafamaa ture.Oromoonni bakka jiraataa turan Qoncoo ykn Tsedaal keessaa baqachuuf carraa dhaban gara 500 akka ta’an jiraatonni ni dubbatu.

Erga baatii darbee qabee mana keessaa ba’uun akkasumas hojii ofii gaggeeffachuun rakkisaa akka ta’ee fi waraanni Federaalaa gamas seene kanneen yakka rawwatan to’annaa jala kan hin olchiine waan ta’eef sodaachisaa ta’u dubbatu.Qabeenyaan saamamee manneen gubamanii waan of-harkaa qabnu nyaataa jirra jedhu

Gama kaaniin Oromoota baqatanii naannoo daangaa irra jiran 15 gargaarsa ga’aa dhabuun rakkoo keessa akka jiran ibsamee jira.Gargaarsii arjomamee dhabamee otoo hin taane lakkoofsa godaantootaa waliin kan wal hin ginne ta’uutu rakkooa guddaadha jedhamee jira.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:15:03 0:00

XS
SM
MD
LG