Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artist Jaamboo Jootee Waa’ee Artisticha Oromoo Aangafa Du’aan Boqotee Maal Jedha?


Artiist Laggasaa Abdii
Artiist Laggasaa Abdii

Artist Laggasaa Abdii akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Onkololeessa 11, 2011 du’aan boqotee, awwalchi isaa boorumtaa isaa Onkolooleesa 12 magaalaa Finfinnee Waldaa Qiddist Sillaaseetti raaw’atame.

Laggasaa Abdii artistii Oromoo angafa Masanqoo xabachuudhaan baay’ee beekame yoo tahu, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1927 Salaalee, bakka Yaayyaa Qacamaa jedhamutti dhalate.

Hiriyyaa abbaa isaa ka ture – wallisaa Oromoo angafa isa masanqoon baay’ee beekamu Wasanuu Diidoo irraa argee Masanqoo taphachuu ka jalqabe Laggasaa Abdii, umuriin isaa waggaa digdama yeroo tahu Wasanuu waliin gara Finfinnee dhufee Mana tiyaatiraa Haager Fiqiritti tapahchuu akka jalqabe dubbata – seenaan isaa.

Achii boodas, mana Tiyaatiraa Biheeraawii yokaan Biyyaalessaa, Mana Tiyaatiraa fi Aadaa Magaalaa Finfinnee, Orkeestiraa Poolisii, Kibirzabanyaa fi hoteela Hiiltan keessatti hojjetaa ture. Wallisoota Oromoo hedduuf illee fakkeenya tahe. Kanneen keessaa tokko – artisitii beekamaa – Jaamboo Jootee ti.

Artist Jaamboo Jootee Waa’ee Artisticha Oromoo Aangafa Du’aan Boqotee Maal Jedha?
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:28 0:00

XS
SM
MD
LG