Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa keessatti Uummati Gosa Tokkoo Wal Ajjesan


(Suuraa Faayilii)
(Suuraa Faayilii)

Somaaliyaa gama kaabaa keessatti milishonni gosa tokko giddutti walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate namnii 60 ajjefamuu jiraattonni fi aangawoonni har’a ibsanii jiru.

Milishonni har’a ganama naannoo ganda Dhumay wal waraanuu jalqaban. Kunis falmii qabeenya lafaa fi haaloo ba’insaa ture.Maddeen tajaajiila fayyaa kutaa akka jedhanti namoota 90 caalaatu madaa’ee. Hangi tokko jiraattoota dhukaasa gama lameeniin baname giddutti qabamanta’uun ibsamee jira.

Bulchaan kutaa Sool Abdirashid Arab VOA.f akka ibsanti falmii yeroo dheeraa kan qabaeenya lafaa fi lafa dheedichaa irratti jiruuti dinummaan wal ilaaluu fi wal waraanasa kana kaasise.

Wal waraansii bifa haaraan ka’e kun walitti bu’iinsa bara 2004 jalqabamee yoo ta’u haaloo wal ba’uutu yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture.

Wal waraansa yeroo tokko gaggefefameen namnii haganaa dhumuun nu gaddisiisa jedhan Abdirashad Araab.

XS
SM
MD
LG