Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Haga rabbiin na jiraachise jiraadhee sanaan booda waanuma dhufu eeggadha’ Miseensa Paartii KFO, Dhadhaab Keessa ganna 10 jiraate


Miseensa Paartii KFO, Dhadhaab Keessa ganna 10 jiraate fi odoo biyyaa hin bahin miseensa paarlaamaa ture
Miseensa Paartii KFO, Dhadhaab Keessa ganna 10 jiraate fi odoo biyyaa hin bahin miseensa paarlaamaa ture

Waggoota 10’n dura yeroo Oromiyaa ture, Uummata naannoo isaa bakka bu’uun miseensa paarlaamaa ta’ee waggoota sadiif tajaajileera jedha. Sababa nageenya isaaf jecha maqaa koo Falmaa Korree naan jedhaa jedhe. Falmaan amma Buufata Baqattoota Dhadhaab, Keeniyaa Kaaba Bahaatti argamu Keessa jiraata. Baqataan Oromoo Kun ‘Dhadhaab bakka nageenyi amansiisaan hin jiru’ jedhamu jiraachuun ulfaataa ta’uu; darbees Baqataa ta’anii Buufata Baqattootaa keessa jiraachuun waan hedduu nama dhabsiisa’ jedha.

‘Haga rabbiin na jiraachise jiraadhee sanaan booda waanuma dhufu eeggadha’ Miseensa Paartii KFO, Dhadhaab Keessa ganna 10 jiraate
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:36 0:00

Falmaan kan dhalatee guddate, Shawaa Lixaa Meettaa Roobiitti. Bara 2004ttis mormii guutummaa Oromiyaa keessa ture irratti waan hirmaateef barnoota irraa ariyatamee gara dhaaba siyaasaatti makame. Filannoo biyyaalessaa bara 2005 irrattis Aanaa Meettaa Roobiitti dorgomee miseensa paarlaamaa ta’ee waggaa 3f hojjeteera. Yoo yeroo sana yaadatu haalli sun jabaa ta’uu dubbata.

‘Eeyyee waantonni nuti gochaa turree, diddaa argisiisaa turree achi keessattillee, afaan hidhachuudhaan carraa argannee uummataaf dubbachuu hin dandeenyee. Ummata deemnee dubbisuu hin dandeenyee.’

Kanaan boodas dhimma shororkeessummaadhaan walqabatuun himatamee, hidhaa keessa erga darbee booda, biyya keessa jiraachuun waan hin dandaa’amneef gara Dhadhaabitti baqate. Dhadhaabiin wal baruun isaaf jiruu cimaature. Haalli nageenyaa Buufata Baqataa inni keessa jiraatuus ‘rakkisaa’ dha jedha.

‘Mooraan baqataa baayyee akka malee ulfaataa. Mana hidhaa guddaa jechuu dandeessaa. Asittillee yeroo hedduu manni kiyyafaa hin cabaa turee. Kana Poolisiittillee iyyachaa turee, sanaaf haaluma rakkisaa kana keessatti filannoo biraa waan hin qabneef asumatti rakkachaa hanga harraa as keessa jiraa jechuudha.’

Buufata Baqataa keessa taa’anii jireenya moo’achuun baqattootatti baayyeedha ulfaata
Buufata Baqataa keessa taa’anii jireenya moo’achuun baqattootatti baayyeedha ulfaata

Jaarmayaa Mootummootaatti Dameen Dhimmaa Baqattootaa UNHCR baqattootaaf gargaarsa muraasa godhus sun jiruuf waan guutuun gahu miti. Falmaanis shaayii danfisee gurguruun jiruu moo’ata.

Dhadhaabitti Cufamuun Erga Itti Aggaammatamee Booda

Ergii bara 2016 Mootummaan Keeniyaa Sababa ‘Dhimma Nageenya Keessoo biyyaatiif’, jecha Dhadhaab irratti murtee dabarsee, haalli Kaampicha keessaa gaarii mitii jedhu baqattoonni. Manni Murtii Olaanaa biyyattii murtee Dhadhaabiin cufuu kana hambisus, yeroo ammaa kana baqattoonni Lammiin Somaaliyaa ta’an hedduun ofirra deebi’aa jiru. Ammaaf sababa hin ibsamneef dhaabatus, Walii Galtee Sadoo, Mootummaa Keeniyaa, Mootummaa Somaaliyaa fi Dhaabbata Baqataa UNHCR gidduutti mallatteeffameen baqattoonni Somaaliyaa ‘fedha qaban’ gara Somaaliyaatti ofirra akka deebi’an ta’aa ture.

Murtee kanaan booda ‘Gandi Kaambiyoos jedhamu kan Dhadhaab keessatti argamu cufamuu, ammas bara dhufu Ifo 2’n akka cufamuuf jiru’ miseensi Dura Bu’aa Hawaasa Baqattootaa tokko nutti himaniiru. Kana malees dhiyeenyatti lakkoofsi dhaabbilee tola ooltotaa baqattoota gargaaranis gadi buufamuuf akka jirullee ni dubbatu.

Waa’ee Baqattoota lammiin Somaaliyaa hin taane ergereen isaanii maali waan jedhuuf garuu, haga yoonaa ifaan waanti kaa’ame hin jiru. Baqattoota muraasa bara 2016 kaasuun gara mooraa Baqataa haarawa Kaaloboyee jedhamuutti geessuun jalqabamee ture, dhaabatee jira. Falmaanis ‘jiruun asii egeriif waanti yaadamu hin jiru, haga rabbi na jiraachise iiraadheetan waan dhufu eega’ jedha.

Akka baqattoonni Raadiyoonii VOA’f himanitti, baqattoonni Oromoo haaraanille ammas gara Dhadhaab dhufuutti jiru.

XS
SM
MD
LG