Xurree ittiin seenan

Shawaa Bahaa Keessatti Waajjirri Qonnaan Bultootaa Ganda Tokkoo Gubachuu Aangawaan Mootummaa Dubaatan

  • Tuujubee Horaa

Godina Shawaa Bahaa

Godina Shawaa bahaa aanaa Gimbichuu Caffee Donsaa ganda Dhowwaattuu Callee jedhamu keessatti har’a guyyaa waaree booda waajjirri qonnaan bulaa ykn maaybaasiin gubatee qabeenyaan achi keessa jiru martinuu barbadaa’uu jiraataan ganda Dhowwaa Callee tokko ibsaniiru.

Ibdidda sana eenuyutu qabsiise? Jiraataan gandattii akka jedhanitti waajjira gandaa sanatti ibditti qabatee qabeenyaan manca’uu malee abbaan ibidda sana qabsiise hin beekamu jedhan.

Itti aanaa dura taa’aan ganda Dhowwattuu Callee obbo Abdoo Nagawoos kanuma jiraataan gandattii jedhan mirkaneessuu dhaan galmeeleen waajjiricha keessa turan, Xaa’oon sukkaarri uummataaf raabsamuuf turee fi qarshiin gubachuu isaa beeksisaniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG