Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Afriikaa Kanneen Qe’ee ofi Irraa Buqqa’an Kunuunsuu Qabu: Fannoo Diimaa


Biyyoonni Afriikaa Kanneen Qe’ee ofi Irraa Buqqa’an Kunuunsuu Qabu: Fannoo Diimaa
Biyyoonni Afriikaa Kanneen Qe’ee ofi Irraa Buqqa’an Kunuunsuu Qabu: Fannoo Diimaa

Afriikaan uummata biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa godaani miliyoona 13 ta’u qabdi. Kunis guutummaa addunyaa irraa uummata biyya isaa keessatti qe’ee ofii irraa godaane keessaa harka sadii yoo ta’u baqataa ardittii dacha lamaan caala.

Baqataan daangaa qaxxaamuree ennaa godaanu, kan biyya isaa keessatti qe’ee isaa irraa godaane immoo biyyuma ofii keessa ture.

Hoogganaan komiishina gamtaa Afriikaa kan dhimmootii gargaarsa namoomaa, baqattootaa fi uummata qe’ee ofii irraa godaanee Olabisi Dare akka jedhanitti haalli uumati Afriikaa keessaa biyya ofii keessatti qe’ee irraa godaanee hedduu cimaa, yaaddessaa fi hammaataa adeeme.

Dhimmootiin biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa godaanuu heddummaachaa guyyuma guyyaan hammaataa adeeme.

Dhimmootii ijoo ta’an keessaa hangi tokko yeroon isaa dheerataa dhufe. Kan nuti dubbataa jirru qe’ee irraa buqqa’uu biyyoota kan akka Sudan, Somaaliyaa, Republikii demokraatawaa Koongoo-faa ti. Yeroo hanga tokkoof walitti bu’iinsi sababaa qabbanaa’eef lakkoobsi kun gad xiqqaatee ture.

Haalawwan harawaan uumamuu isaatiin immoo deebi’ee ol ka’e. kun immoo haala kan akka Boko Haram, naannoo Saaheelii fi ka Maalii keessaa ti jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa

Biyyoonni Afriikaa Kanneen Qe’ee ofi Irraa Buqqa’an Kunuunsuu Qabu: Fannoo Diimaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00

XS
SM
MD
LG