Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon miseensota mana maree biyya Somaaliyaa taasifame


Filannoon miseensota mana maree biyya Somaaliyaa taasifame
Filannoon miseensota mana maree biyya Somaaliyaa taasifame

Lamileen Somaaliyaa filannoo miseensota mana maree isaa gajjalla al kallatiidhaan taasisaniiru.  Filanichii walii galtee dhabiinsaa hoggantoota siyaasaa biyyattii gidduuttu dhalateen lafa irra harkifataa kan tureedha.

Wixata dheengaddaa filannoo mana maree bakka bu’ootaa isaa gajjallaa/lower house taasisaniiru. Filanichii walii galtee dhabiinsaa hoggantoota siyaasaa biyyattii gidduutti dhalateen lafa irra harkifataa kan tureedha.

Manni bakka bu’ootaa inni gajjallaa teessoo 275 qaba. Miseensonni mana maree kun kan filataman bakka bu’oota gosaawwanii 101 ta’anuun.

Bakka bu’onni gosootaa mata mataadhaan sagalee isaanii icitiidhaan kennan.

Gareen hidhatee lolaa jiru Al Shabaab filanchaa gufachiisuuf yaalii taasisee ture. Garuu ejensiin umna tika somaaliyaa fi naga eegdonni gamtaa Afrikaa eegumsa waan taasisaniif rakkoon muudate hin jiru..

Itti aanaan muummee ministeeraa Mahaddi Mohaamed Guleed kutaa Somalilaand irraa sagalee guddaadhaan moo’uudhaan meseensaa jalqabaa ta’an.

Adeemsii demokiraasii tasgabii biyyaatiif furtuudha jedhan Mahadi Mohamed.

Itti dabaluudhaanis,"Adeemsi flannoo jireenya fi nageenyaa lammiilee biyyatii gidduutti umuudhaaf, akkasumas bulchiinsa mootummaa fooyyesuudhaaf irra deebi’anii ilaaludhaaf gargaaraa," jedhan.

Flannoo prezidaanti biyyatti isa ji’a Muddee dhufuu taasifamuuf karaa akka banus dubbatan .

Ejensiin filannoo feederaalaa gama isaatiin akka jedhetti, gareen adda addaa dubartootas dabalatee teessoo bakka bu’ummaa hin argatu jedheera.

"Yemuu kutaaleen biyyatii adeemsa filannoo harfachisaa jiran kanatti ,Komoshiinichii filannoo mana maree gajjalaatti dubartoonnii haraka 30 ykn isaa ol akka argatan mirkaneesinaa," jedhan Ahmed Safina.

Miseensoni mana maree isa olii ykn isa gararraa kan filataman ji’a darbe. Bakka bu’oonnii uummata Somaaliyaa 329 xumuraa waggaa kanaatiin dura prezidaantii isaani itti aanuuf sagalee kennu.

Yeroon prezidaantummaa Mohamed Abdulahii Mohaamed Ji’a Guraandhalaa darbe keessaa raawwate. Haa ta’u malee, akka fedhii heera biyyatiitin amma bakka bu’aan isaanii flatamutii akka aangoo irra turan akka taasfame ibsa gabaasin Mahaamad Kaatiyee.

XS
SM
MD
LG