Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexxeessaan Oromoo Abdiidhan Biyyatti Deebi'e Haalli Amma Jiru Garuu Adda Jedha


Gaazexxeessaa Dassuu Duulaa
Gaazexxeessaa Dassuu Duulaa

Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad bara 2018 aangoo qabachuun jijjirama siyaasaa jechuun Gaazexxesoonni hidhaa keessa turan yeroo hiikaman Gaazexxeessaa Dassuu Duulaa Neezeer Laand irraa gara biyyaatti deebi’uu isaa dubbata.

Umriin isaa amma 45 ta’u fi itti aanaa gulaalaa oduu marsariitii irraa kan ta’e Dassuun bara 2004 cunqursaa ture dheessuun biyyaa ollaatti baqatee akka ture ibsa. Yeroo gara Jalqabaa bulchiinsa Dr Abiyyi jalatti saansuriin midiyaa irratti gaggeeffamuu dhaabatee bilisummaa haaraa argee akka ture dubbata.

Waggaa sadii booda Dassuu fi Gaazexxessonni biyyattii “balballii keenya rurrukutamuu mala jedhanii sodaachuun” deebi’ee dhufe jedhan.

Erga bara 2020 as Gaazeexxessootaa fi hojjattoota Midiyaa yoo xiqqaatee digdamii tokkotu hidhame jedhu jaarmayoonni sadarkaa addunyaatti waa’ee Midiyaa addunyaa hordoofaa jiran hangi tokko.

Dassuun waggaa darbee waa’ee qabsaa’aa siyaasaa kan naannoo tasgabii hin qabnee Oromiyaa keessaa hidhamee ilaalchisee eega gabaasee booda hidhame. Isaa fi waahiloon isaa ka biroon lama himannaan kan irratti hin dhiyaannee yoo ta’u baatii sadiif hidhaa keessa jiru.

Waan haaraatu ta’aa, Demookraasii fi walabummaan yaada ofii ibsachuun hojii irra oola jedheen yaadee ture, garu haallii jiru gad adeemaa, gaazexxeessoonni heedduun biyya irraa dheessaa akkasumas hangi tokko hidhamaa jiru jechuun Dassuun Fifinnee irraa Bilbilaan Roytarsiif ibse.

Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii kanneen akka hamaatti gaazexxeessoota hidhan keessaa tokko taatee jedhan kutaa kanatti bakka buutuu koree mirga gaazexxesootaaf falmu ykn CPJ kan ta’an Mutookii Mumoo.

Gama kaaniin dubbii himtuun mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad Bileenee Seyyuum akka jedhanti, erga Dr Abiyyi aangoo qabatanii as Midiiyaa fi Gaazexxesootaaf haala foyyaa’atu jira.Gaazexxessonni 44 hojjachuuf ehama kan argatan yoo ta’u seerrii Midiiyaa haaraa waggaa kana hojii irra oole jedhan.

Akkuma biyyoota biraa Gaazexxeessaa seeraaf buluu qabu.Biyyi reefuu Deemookraasii jalqabdu kan akka Itiyoophiyaa keessatti haallii hunduu guutameera jechuun rakkisaa ta’uus garu,iddoo durutti deebi’ee hin jeechisiisuu jedhan.

Waa’ee Gaazexxeessaa Dassuu Dulaa gaafatamanii, kan dhimmi kun isa ilaallatuu waajiira abbaa alangaa mummicha,polisii fedeeraalaa fi waajiira abbaa taayitaa midiyaa Itiyoophiyaa kan warraa Gaazexxesootaaf ehama kennuutu beeka jedhan.

XS
SM
MD
LG