Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Adda Tokkummaa Humnoota Federaalawaa Itiyoophiyaa Hundeeffame


Okiwok Ojuluu Okiwok hundeeffama Gamtaan Adda Tokkummaa Humnoota Federaalawaa Itiyoophiyaa irratti, Jimaata, Sadaasa 5, 2021
Okiwok Ojuluu Okiwok hundeeffama Gamtaan Adda Tokkummaa Humnoota Federaalawaa Itiyoophiyaa irratti, Jimaata, Sadaasa 5, 2021

Humootiin Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) gareelee hidhatanii fi mormituu ta’an ka biro waliin wal ta’uun mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad irrati qabsaa’uun wal waraansa badii geesisee kan wagga guutee ittiin jedhan sana booda, ce’uumsii siyaasaa argamsisuu irratti walii galan.

Qindeessitonni akka jedhanti, sirnii walii mallatteessuu Jimaata har’a Waashingatan keessatti gaggeeffame kun, waraana Bilisummaa Oromoo kan amma TPLF waliin lolaa jiru, fi gareelee kannen biro torba guutummaa biyyaa keessaa waliin ta’uun ibsamee jira.

Qindeessitonni dhaabata oduu Ashoosheetid Preesiif akka ibsanti, Adda Tokkummaa Humnoota Federaalawaa Itiyoophiyaa jedhamu kun,caasaa ce’umsaa Itiyoophiyaa keessatti dhaabuu waan barbaadaniif jecha,mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad aritii danda’ameen deemuu qaba jedhu. United Front of Ethiopian Federalist Forces

Biyyoota gaanfa Afrikaatti Jilli addaa kan Yunaaytid Jeefrii Feeltman aangawoota gameeyyii mootummaa Itiyoophiyaa waliin dubbachuuf Finfinnee ennaa seenanti, gamtaan kun ijaaramuun dhaga’ame.

Feeltmaan Kamiisa kaleessaa itti anaa mummicha ministeeraa, ministeera Ittisaa fi Ministeera maallaqaa waliin wal arguu Yunaaytid Isteetes beeksiftee jirti.

Dubbii himtuun waajiira mummicha ministeeraa Bileenee Siyuum kamiisa kaleessaa galgala Twitarii irratti akka barreessanti, warri haala jiru irraa adda jiran deemsa Deemookraatawaa Itiyoophiyaa bara 2018 mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmadiin argamee koruu dhadhaban Deemookraasii argamsisuu hin danda’an jedhan.

Wal waraansii baatii sadaasa bara 2020 kaasee wagga tokkoof gaggeeffame , namoota kuma hedduu galaafatee jira.

XS
SM
MD
LG